Xooshinee (Thyme) Jedhamti – Qoricha Dhukkuba Hadhooftuu fi Faayidaa Biroo Hedduu Qabdu.
Biqiltuun Xooshinee (Thyme) jedhamtu dhukkuba hadhooftuu hunda, cirracha salphaa dabalatee, ni fayyisti. Yoo torbee 2–3 walitti fufinsaan itti fayyadamte, hadhooftuu irraa bilisa ta’uu dandeessa. Akkasumas dhukkuba simbiraafis haalaan fayyaddi.
❓ Malattoon Dhibee Hadhooftuu Maal Fakkaata?
Nyaanni akka si singiggeessu
Nyaanni laphee irratti akka ulfaattu
Fedhii nyaataa dhabuu
Qomaaf qoorrara gubuu
Qaama iitessu
Mataa dhukkubbii
🌿 Faayidaa Xooshinee Biraas:
Dhiibbaa dhiigaa gadi buusa
Qufaa fi diifafa qolcha
Madiinummaa qaamaa cimsiti
Finniisa fuulaa balleessiti, bareedina gogaa eegdii
Summaa’uu soorataa irraa ittisa
Sammuu tasgabbeessiti
Foolii badaa qaama, afaanii fi hafuuraa irraa qulqulleessiti
👉 Akkaataa Fayyadama Xooshinee
🍵 Shaayii godhanii dhuguu
Kophaatti danfisuun ganamaaf fi galgala dhuguu
🍯 Damma wajjin
Baala xooshinee giraama 100 daakanii, damma kiiloo 1 waliin makanii ganamaaf fi galgala nyaachuu
💨 Huurka (steam) isaa ulachuu
Huurka danfamee gara funyaanitti ol fudhachuu
🥤 Dhugaatii hoo’aa biraa waliin
Daakamee dhugaatii hoo’aa biraa irratti dabalamee dhugamuu
🌸 Gogaa eeguuf
Daakamee dammaa ykn zayita ejersaa waliin gogaa irratti dibamuu
🌿 Xooshineen Maali? – Maali Biqiltuu suuraa irratti argitan san.
🌿 Eessaa Arganna?, Laggeen cinaa, goda keessa fi suppermarketii deemtanii bitachuu
🌿 Afaan Oromootiin maal jedhamti? Afaan Oromootiin Xooshinee jedhuun,


