Gaazexaa Bariisaa
Finfinnee: Feestaalliifi korojoon pilaastikii haftee boba’aarraa kan omishamaniidha. Omishni feestaalii boba’aa foosilii kan of keessaa qabu yoo ta’u, gaasiiwwan naannawaa faalan qaba.
Omishni pilaastikiiwwan kanaa omishuurraa jalqabee hanga gatuutti kaarbooniin naannawaatti akka gadi lakkifamu waan taasisuuf jijjiirama qilleensaa hammeessa.
Labsii qabiinsa balfa gogaa lakkoofsa 1383/2017 jedhuun mirkanaa’ee Amajjii 23, bara 2018 torbanota muraasa booda kan hojiirra oolu ta’a.
Labsicha keeyyata 25(1) jalatti namni korojoo pilaastikii faayidaa yeroo tokkoof qofa oolu qabatee argameefi ittifayyadame qarshii kuma lamaa hanga kuma shanii akka adabamu ibsa.
Keeyyata xiqqaa lama 25(2) jalatti immoo dhaabbilee seera kana cabsanirratti adabbiinsaa dachaa sadii akka ta’u tumameera.
Dhimma kanaan walqabatee addatti Gaazexaa Bariisaa waliin turtii kan taasisan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannnawaa Oromiyaatti Daarektara Daarektoreetii To’annoofi Hordoffii Hojiirra Oolmaa Seerota Eegumsa Naannawaa Obbo Gizaachoo Birmataa akka jedhanitti, sadarkaa naannichaatti hojiiwwan hubannoo hawaasaa kennuu Waxabajjiirraa jalqabee gaggeeffamaa tureera.
Qaamolee labsicha hojiirra oolchaaniifi namoota miliyoona 22 oliif hojiin hubannoo uumuu raawwatameera.
Waltajjii idileetiin qaamolee seera raawwachiisan dabalatee akka Oromiyaatti namoota miliyoona saddeetiif haala ittifayyadama balfa pilaastikiin walaqabatee hubannoon tooftaalee addaddaatiin kennamu himaniiru.
Ittifayyadama feestaaliin walqabatee Amajjii 23, bara 2018 irraa eegalee kan dhorkamu ta’uufi namoonni qabatanii argamuun, omishuun, daddabarsuun akkasumas dhaabbileen omishanii argaman bu’uura seera labsii lakkoofsa 1383/2017n akka gaafataman eeraniiru.
Karaa miidiyaafi waltajjiilee addaaddaatiin hubannoon kennamaa jiru gaarii ta’uu himanii, osoo adabbiin hinjalqabamiin hawaasni dursee qophaa’uu akka qabu dhaamaniiru.
Dhaabbileen pilaastikoota naannawaa faalan omishan omishasaanii waan biraatti akka jijjiiranis hubannoon uumamuus eeraniiru.
Omishaalee feestaala bakka bu’uu danda’an kanneen akka waraqaafi huccuurraa hojjetaman, magaalota Shaggar, Bishooftuufi Adaamaatti omishamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Gareen qorannoo gaggeessu naannichatti bobba’ee hojjechaa jiraachuu Obbo Gizaachoon ibsanii, garichi haala hubannoo hawaasaafi meeshaalee bakka feestaalii buusuuf maal akka jiruufi hammamtu qophaa’e kan jedhurratti galtee fiduun yeroo hojiitti seenama jedhan.
Hundaa ol hawaasni miidhaa feestaaliis ta’e balfi gogaan geessisu sirriitti hubachuu akka qabus gorsaniiru.
“Feestaalli dafee tortoruu waan hindandeenyeef yeroo dheeraaf biyyee keessa tura. Darbees fayyaa namaarratti miidhaa waan geessisuuf ummanni kana hubatee dursee qophii taasisuu qaba.
Kanaafiis miidiyaalee waliin hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira. Akka waliigalaatti namoota miliyoona 22f hubannoon kennameera” jedhu.
Tamaam Abdulleetiin
Gaazexaa Bariisaa maxxansa Amajjii 9 Bara 2018

