Addunyaa kana irraa namoonnii qorannoo holqaa gaggeessan persantii 100 keessaa persantaa 25 du’aaf saaxilamu jedhee, holqa qorachuun ulfaataa seensa holqaa irraatti bineensota jawweefi boftifaan kan argamaniifi nannoowwan isaas qeerransa, Leencaafi bineensota biroon guutuu waan ta'eef gootummaa barbaada jedhe.
Keessattuu yaroo keessa seenanis finyoo tokkoon kan seenamuufi bishaan kan qabu laftisaa namaan kan sigigaatuufi boolla gadi fagoo meetira 60-100 ta’an waan seenaniif kufuu, dhagaan namarratti jiguufi oksiijinii dhabuun nama mudachuu akka danda'u hima.
Ho’i guddaafi fi qorris muddachuu waan danda'uuf sombi namaa fayya qabeessa suusiiwwan kami irraayyuu walaba yoo hin taane du'aaf saaxilamuu danda'a jedhe.
"Biyyi hundi holqa hin qabdu Itoophiyaa keessaa iyyuu Oromiyaa qofaatu holqaan badhaatuudha jedhee, holqoota qorachaa ture naannoo Tigiraay, Amaaraafi Uummattoota Kibbaa kan jiran ammoo ulaagaa hin guutan jedhe.
UNESCO'tti holqi hanga ammaatti galmaa'e hin jiru kan jedhe Naasir Soofumar galmeessuuf adeemsa irra akka jiran kaaseera.
Nama tokko ta’eeni holqa 334 qoradhee malee, osoo kan akka kootii jiraatee holqoota biyya keenya addunyaa irratti mullisa kumatamatu hin argamin jira jedhe.
"Ani holqa tokko qoraachuuf deemee achitti hafuun jiraachuu waan danda’uuf waanan jalqabe kana itti fufsiisuuf mootumaan xiyyeeffannoo itti kennee na cina dhaabbatee namoota akkakoo bakka bu'uu danda'an hojjechuu qaba jedhe.
Qabeenyi fi guddinni biyyaa holqa keessa waan jiruuf namni hundi kunuunsuu akka qabu turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen Abbuuraa Holqaa Naasir Ahmad dhaameera.
Daraartuu Tarreessaatu gabaase



































