*Waanti akka dhiitaa jajjabaataa harma keessaa bakka takkatti yokaan guutummaa harmaa keessaatti umamuu
*Fiixeen harmaa (nipple) gara keessaatti deebi'uu (Kun dubartoota uumamumaan fiixeen harma isaanii gara keessatti liqimfamaa ta'e osoo hin taane duraan nagaha warra tureef)
*Gogaan harmaa, bakka takkan diimatee, furdatee yoo qaban harkatti jajjjabaatee, qola burtukaanaa fakkaachuu.
*Dhangala'aan aannan irraa adda ta'e harma keessaa gadi yaa'uu.
*Xannachi liimfii bobaa jalaa, kan gama iitoon harmaa jiru sanatti argamu jajjabaatee guddatee ba'uu
Hub: Mallattoon kun sababa biroo kanneen akka infekshinii, dhiitaa kaanserii hin taane, cyst (dhiita bishaan qofa uf keessaa qabu) fi kanneen birootiin ni dhufa. Kanaaf mallattoo kana yoo ofirratti argitan, if sodaachisuu osoo hin taane mana yaalaa deemtanii qorannoon adda baafachuudha.
Maal haa goonu? Ofeeggannoo akkamiitu barbaachisa?
● Dubartoonni torbaan torbaanin otoo sakata'iinsa harma isaanii ofii isaaniiti qaqqabuun godhatanii gaariidha. Harma qaqqabuun ilaaluun iddoon iita'ee jabaate, jajjabaate, ykn jijjirama qaama harmaa kaan irraa qabu jiraachuu isaa adda baafachu. Yoo jijjiramni addaa jiraate gara mana yaalaa deemanii ogeessa fayyaa ykn doktora isaan yaalu ykn woldhaanu wojjiin mari'achuu.
● Mallattoolee armaan olitti eeraman yoo of irratti agarte otoo yeroo hin gubin mana yaalaa deemtee adda baafachuu. Mallattooleen as gubbatti kaafne kun dhukkuboota harmaa kan birootiinis ta'uu ni danda'u.
● Mallatoolee kana yoo of irratti agarre hospitaala deemnee qorannoo doktoroonni keenya nuuf ajajan fkn ultrasound, mammogram fi samuuda( sample) kutaa harmaa iitahe sun irra jiru irraa fuudhamuufi kan biroo kan ogeessi nu ajaje hojjachiisuun mirkaneessuun ni dandahama.
¤ Sadarkaa kaansarichi irra jiru irratti hundaa'uun yaalli isaa kutaa harmaa kaansarichi itti biqile muranii/kutanii baasuu, ykn harma cinaa tokkoo guutuun gututti kaasuu/mura
kutanii baasuu, ykn harma cinaa tokkoo guutuun gututti kaasuu/muranii kaasuu, ykn harmaafii xannachoota liimfii naannoo san jiran wolitti qabanii muranii kaasuu, ykn harma cinaa lachuu muranii kaasuus ta'uu danda'a.
Dabalataan yaalli cararii (radiation) , qorichootaa (Chemotherapy) ykn yaala hormooniin godhamus barbaachisaa tahuu mala akkaataa ogeeysi fayyaa ajajeen.
FAYYAA TAHAA🖊️✍️
Dabalataan yaalli cararii (radiation) , qorichootaa (Chemotherapy) ykn yaala hormooniin godhamus barbaachisaa tahuu mala akkaataa ogeeysi fayyaa ajajeen
