Faallaa kanaan biyyi ulaa galaanaa hin qabne immoo biyya biraa deemuuf biyyoota ulaa galaanaa qaban irratti hirkachuuf dirqamti. Kun ammoo bilisummaa diinagdeefi tasgabbii siyaasa biyyaa irratti miidhaa guddaa qaba. Ulaa galaanaa dhabuu jechuun daldala #Idil_addunyaa irraa fagaachuufi dantaa biyyaa gadi buusuudha. Kanaaf, ulaan galaanaa qabeenya guddaafi calaqqee bilisummaa biyyaa tokkooti jechuun ni danda'ama.
Itoophiyaan fayyadama ulaa galaanaan seenaa dheeraa biyya qabduudha. Bara 1993 booda yeroo Erteriyaan biyya taatee baatu Itoophiyaan ulaa galaanaa qabdu dhabde. Kanarraa kauun sirna daldala walta’insaafi waliigaltee nageenyaa fayyadamuun gama Jibuutiin ulaa galaanaa fayyadamaa jirti. Seenaa kana keessatti Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabdeyyuu tarsiimoo walta’insaan fayyadamuu dandeesse.
Addunyaa amma jiru keessaa biyyootni ulaa galaanaa qaban biyyoota 150 ol ta'u. Biyyootni ulaa galaanaa hin qabne immoo 46 yoo taan Afrikaa keessatti biyyoonni 16 ulaa galaanaa biyyoota hin qabne taan keessaa 1 biyya keenya Itoophiyaadha. Biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne hedduunis liiziifi waliigaltee geejjibaan biyyoota olla galaanaa qaban irraa fayyadamu.
Ulaan galaanaa addunyaa keessatti bakka murteessaa qaba. Daldalli addunyaa harka 90% ol ta’u karaa galaanaa geggeeffama. Kana jechuun, ulaa galaanaa qabaachuun biyyootaaf madda diinagdee, daldalaafi tajaajila addunyaatti hirmaachuu danda’an ta’a jechuudha.
Walumaagala Ulaan galaanaa mallattoo bilisummaa, misoomaafi dantaa biyyooleessaati. Biyya ulaa galaanaa hin qabneef waliigaltee amansiisaa, nageenya geejjibaafi daldala walta’insaa diriirsuun murteessaadha. Itoophiyaan seenaafi muuxannoo ishee irraa barachuun, ulaa galaanaa fayyadamuuf tarsiimoo nagaafi misoomaa irratti hundaa’e itti fufuu qabdi. Kunis dantaa biyyaa tikfachuufi misooma waaraa mirkaneessuuf furmaata waaraa ta’uu kan danda'udha.
Odeeffannoo Dabalataa