Himatamaan maqaan isaa Abdushakuur Abdallaa Goobanaa jedhamu Godina Baalee Bahaa Magaalaa Gindhiir iddoo addaa Ganda Odaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Damee Gindhiiritti Gaafa guyyaa 6/1/2018 Guyyaa keessaa Toora Saa'atii 7:30tti seera yakkaa biyya keenyaa bara 1996 bahe keewwata 359 Darbee argamuun mallaqaa Sobaa Gamtaa Arabootaa(CENTRAL BANK OF UNITED ARAB EMIRATES) jedhamu Abbaa 500 Dirhaama 2500 gara Qarshii biyya keenyaatti yoo sharafame ykn jijjiirame Qarshii Itiyoophiyaa 124,235(kuma dhibba tokkoo fi kuma diigdamii afuriifi dhibba lamaa fi soddomii shan ta'u Qabatee baaknii seenuun hojjattoota Baankichaa gowwoomse jijjiirachuuf osoo yaalii taasisaa jiru of eeggannoo fi sakatta'umsa hojjattoonni baankichaa taasisaniin himataan mallaqa sobaa qabatee argamuun
yakka. Yakka mallaqa sobaa qabatanii argamuu raawwachuun himatamanii Galmeen Qorannoo isaaniis Kutaa Qorannaa yakkaa Waajjira Poolisii magaalaa Gindhiir fi waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gindhiir waliin ta'uun Galmee Qorannoo isaanii erga qulqulleessaniin booda Waajirri Abbaa Alangaa Godina Baalee Bahaa galmee isaanii keessa ilaaluun erga qulqulleessaniin booda m/murtii olaanaa Godina Baalee Bahaatiif dhiyeessuun
M/murtii olaanaa Godina Baalee Bahaa dhaddacha yakkaa gaafa guyyaa 13/2/2018 ooleen balleessaa raawwatee jira jechuun isaa fi fakkaattota isaa barsiisuu danda'a jechuun hidhaa cimaa waggaa 4 fi baaatii 7 (waggaa afur fi baatii torbaatiin ) adabee. jira.

