Hamiltan:Onkoloolessa 10/2018 Finfinnee
Korri Ulamoota Oromiyaa dhimma Awwaalcha Muftii Haji Umar irratti ibsa laateera.
Ibsa isaatiin akka jedhetti,Muftii Umar Idiriis utuu hin du'in dura bakka awwaalcha muslimootaatti utuu hin taane mooraa isaanii keessatti akka awwaalamaniif dhaammachuun isaanii ummata muslimaa gidduutti gaaffii ajaa'ibsiifannoo guddaa uumeera jedhe korichi.
Dhimma akan irratti ummataaf ifa galchuun dirqama ta'ee argineera. Dhimma awwaalchaatiin wol qabatee akka sunnaa ergamaa Rabbiitti (SAW) namni tokko bakka awwaalcha muslimaatti awwaalamuu qaba. Gochi nama tokko qophaatti baasanii awwaaluu salafoota irrallee argamee hin beeku yoo wonni dirqisiisu hin jirre. Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) gola Aayishaa keessatti ajaja Rabbiitiin isaan qofaaf kan namni biraa irratti hin dhufin.
Ulamoonnis dhimma kana irraa dhorkanii jiru. Namni tokko mana isaa keessaatti masjida keessatti bakka awwaalcha muslimaa irraa addatti awwaalamuu dhorkanii jiru.
Kunis ammoo rakkinoota armaan gadiitiif sababa akka hin taaneefi.
1,Awwaalcha mana keessatti gochuun gara barakaa ittiin barbaaddannaafi daangaa darbuu waan fiduuf.
2,Nama du'e du'aa'ii worra awwaalcha muslimootaa zayyaranii waan dhabsiisuuf
3, Qajameelfama ergamaa Rabbii (SAW) bakka wolitti qabama awwaalcha muslimootaa irra adda ba'uudhaan.
Kanaaf nuti gocha kana ni mormina. Addeemsa faallaa sheri'aa akka ta'ettis ilaalla.
Kanaafuu maatii fi ahlii nama ganda aakiraa godaane kanaa,Janaazaa kana bakka sanaa baasuudhaan gara awwaalcha muslimootaatti akka geessan ni gaaffanna yoo ni mijaa'a ta'e. Kuni ammoo faallaa sunnaa dhaabbachuu dhabuufi sheeri'aa Rabbiif kabajuuf jecha.
Kana males immoo Hunda namaatii waamichi nuti goonu Sheyka kanaaf Magfiraafi Rahmata akka kadhattanudha. Dogoggora kanas akka gara falmiifi qormaata biraatti akka hin jijjiirre.
Kora Ulamoota Oromiyaa
Hamiltan_Hamilee_Ummataa




