Galaana kanarraa Ertiraan odolawwaan xixiqqoo 300 qabdi. Buufanni doonii Asab meetira 1025 kan diriiru yoo tahu, boca ‘U’ qaba, yeroo tokkotti dooniiwwan torba dhaabuu danda’us galaanuma kanarra jira.
Buufanni lafa kuusaa meeshaalee iskuweer kiloomeetira kuma dhibba 2 fi kuma 75 fi dhibba 320 kan qabu yoo tahu, miya kuma 385 hanga 930 qabachuu danda’a.
Itoophiyaan hanga bara 1993 Hulaa Galaana Diimaatti isii baasu qabdi ture.
Keessattuu buufanni doonii Assaab handaara galaanatti argamu seenaa Itoophiyaatti hidhatu qaba.
akkasumas daangaa Itoophiyaarraa fagoo miti. Buufanni kun Asmaara caalaa Finfinneetti dhiyaata.
Finfinneerraa Km 860 qofa hoggaa tahu, Asmaraarraa ammoo km 1,185 fagaata.
Buufanni doonii Assaab meeshaalee garaagaraa fe'uu fi buusuuf Itoophiyaa sirriitti tajaajilaa kan ture yoo tahu, gargaarsa Soviyeet Raashiyaa duriin jaarame.
ALA bara 1998 waraanni Itoophiyaa fi Eertiraatti ka'uun dura hanga bara bara 1995tti meeshaaleen Itoophiyaan gara biyyaatti galchitu % 98 karaa hulaa galaanaa kana seena ture.
Bara san ala ergiin Itoophiyaa %50 karaa Hulaa galaanaa kana biyya alaatti ergama ture.
Dhaabbanni Xaaliyaanii tokko ALI bara 1869 buufata doonii kana qabate.
Itoophiyaan dhimma hariiroo dantaa alaarratti Xaaliyaanii wajjiin odoo wal hin loliin Waraana Aduwaa dura Xaaliyaaniin meeshaalee waraanaa karaa buufata doonii Assaab galchuun Itoophiyaatti gurguraa turte.
Meeshaaleen Itoophiyaan gara alaatti ergitus karaa Hulaa galaanaa Assaab dabraa ture.
Waraanaa Addunyaa Lammeessaa booda Xaaliyaaniin biyyoota Afrikaa koloneeffatte wayita gadhiiftu, Ingiliziitu buufata doonii kana bulchaa ture.
Yaa'ii dureewwan biyyoota miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanirratti Eertiraan federeeshiiniin Itoophiyaat



