Hooganaa Ol-Aanaan Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Damee Singapore, Australia fi New Zealand, imala hojii isaa idilee yemmuu taasisu, garee tikeeta xiyyaaraa qofa gurguran qofa osoo hin taane, biyya keenyallee Addunyaa irratti beeksisa.Kanuma irraa ka’uuun, namoonni jajjaboonii fi aangoo ol-Aanaa qaban biyya baay’ee fagoo ta’e, New Zealand 🇳🇿 jedhamtee waamamtu keessa jiraatan, waa’ee Hidha Guddicha Abbayyaa dhaga’anii baay’ee dinqamuun, dhufanii daawwachuu akka barbaadan eeraniiru.Ta’us, akkan odeeffadhetti, bulchaan Olaanaa Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Damee Singaappoor, Awustireeliyaa fi New Zealand Inj. Telila Gutema, hireen dhaabbata isaanii tikeetaa imala namootaa gurguruu, maammiltoota kallattiin keessummeessanii imalchiisuu, mi’a kaffaltiin bakkaa bakkatti fe’uu fi KKF akka ta’e eeruun dubbii kanaan alaa karaa Embaasii Itiyoophiyaa magaalaa guddoo biyya Awustireeliyaa, Kaanbeeraatti argamuu ituu raawwaratanii ba’eessa gorsa jedhu akka isaan kennaniif odeeffadheera.Altokko tokko, kara waajjira Wiirtuu DQI, gaafa waajjira Muummee Ministeeraa irraa ajaji kennamu, hojii idilee isaa cinatti, biyya bakka bu’uun hojii biyyaa hedduu akka dalagaa ture sirriittan beeka; keessumaa misooma koriidara Finfinnee fi magaalota biroo hundumaan wal-qabsiisee, gumaacha Inj. Taliilaaf hooggantoonni olaanoo Mootummaa hedduun isaanii iyyuu ragaa dha. Jechuun, ajaja qaama ol-aanaa irraa kennameefiin, Injiinar Taliilaan akka Ambaasaaddara Itiyoophiyaa yeroo tokko tokko ta’uun, dhimmoota garaa garaa raawwachiisaa tureera jechuukooti.Kanaaf, dhufanii hidha Abbayyaa Guddicha daawwachuu isaaniif gammachuu guddaan kan itti dhaga’amu ta’ullee, bifa seera-qabeessa ta’een karaa Embaasii keenya magaalaa guddoo biyya Awustireeliyaa, Kaanbeeraatti argamuu dhimmicha akka raawwarataniif gorsa karaa agarsiisu akka kennanin hubadheera.Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaas, gama isaan, akkumasaa yeroo maraa waan irraa eegamu mara akka godhus Inj. Taliilaan akka mirkaneessaniif odeeffadheera.Kanumaan wal-qabatee balalii yeroo dhi’ootti gara Awustireeliyaatti #DQI eegaluuf jedhee ture, hanqina xiqqaarota gurguddaa ta’aniin yeroosaa achi butuu isaa bulchaa Olaanaan Dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasew miidiyaaf ibsaniiru.Injiiran Taliilaanis, adeemsa isaa biyya ormaa, waggaa sadaniif iyyuu hojjetaa urjii ykn ol-aanaa jedhamuun xumuruun yeroo dhi’ootti biyya abbaasaatti deebi’ee dhaabbata isaa fi biyya isaa tajaajiluu akka itti fufu beekameera. Hanga ammaatti garuu gita inni deebi’ee irratti muudamee hojjetu maal akka ta’e ifatti Inj. Taliilaa irraas ta’e, DQI irraa wanti ifatti jedhame hin jiru.Waanuma hundaafuu, turtii baay’ee milkii waggaa sadii olii booda dhaabbata baay’ee jaallatuu fi biyyasaa deebi’uu tajaajiluudhaaf baay’ee heeyyamamaa fi gammadaa ta’uusaa yemmuun Inj. Taliila irraa hubadhe, baay’een gammade.Bara hojii isaa isa hafeef carraa gaarii hawwaafii, oolmaa DQI fi biyya keenya beeksisuun addunyaa irratti inni ooleef ammoo baay’ee fayyaa ta’i, jabaadhu ittiin jechuuun barbaada!!!! Egaa warri isa harkaa fuudhanis hojicha caalaatti bareechanii akka itti fufan, abdiikooti.Horaa Bulaa Deebanaa!