Gariin gubata dhufaa,gariin hubata dhufaa,aayyaa tiyya,baga narraa duutee,hunda na garsiiste jedhe jedhan.ilaNamni yeroo keessa jiraata jiru sirritti dubbisuu dandahuu qaba,yeroon keessa jirru,yeroo hayyuun gatii hin qabne,yeroo beekaan sagalee hinqabne, yeroo namani dhugaa dubbatu hiriyaa hinqabne, yeroo aqliin dheertuu argitu nama biratti gatii hinqabne,yeroo namni dhugaafi haqa namatti himu bakka hinqabne keessa jirraa beeki.EeeeWallaalaan hayyuu madaaluuf qaanfii takka hin qabuu argi,yakkamaan murtii namatti kennuuf saalfii takka hinqabuu laali,dabeessi goota sabaa arrabsuuf ija hin rigatuu taajjabi,kan takkaa hulaa mana barnootaa bira hindarbins barsiisaa guddaa tuffachuuf bitaafi mirga isaa hin mil’atuu xiinxallii ija qaroo qabduun laali.JaalooBiyyuma kana keessatti,kan mootii tahee jiraatutu jiraa argi,biyyuma kana keessatti kan gabra tahee jiraataa jirutu jiraa xiinxalli,biyyuma kana keessatti kan malaafi mana dhabee jiruun dhamaastee ija namaa laalaa jiraatutu jiraa xiinxalli,biyyuma kana keessatti akka hiyyeessi jiru kan hin beeknes kan garaa cufatee,samuu hadoochatee jiraataa jirutu jiraa taajjabi.Obbolaanama tahuuf dhandhamni namoomaa qofti nama keesa jiraannaan gahaadhaa beeki,haala amma keessa jirruun,waan tokko dubbachuun kee gatii si kaffalchiisaa argi,wanti hundi siyaasa tahee jiraa taajjabi,namni guddaa jettuun irra caalaan waan barbaade jechuufi waan fedhe hojjachuuf qaanfii takkallee hinqabuu xiinxalli,sheekaafi qeesii jettee paastaraafi ustaaza jettee dhiistee,dhandhamni namummaa yoo keessa hinjirre tahe,namatti waa himuun qofti dhama namoomaa namaa hinguutuu xiinxalli,ammoo siyaasamatu kana akka hinjenne, silaa siyaasni saayinsiidha turee xiinxalli,saayinsiin inni sirrii,caalanii argamuudha malee,dhugaa jirtu faallessuu mitii beeki,saayinsiin inni sirrii hawaasa ufiitiif dursa laachuudhaa hubadhu.Ekaaadeeggaran daangaa waa hundaa eeggataa,bu’aa saba ufii laalaa deeggaruu qaba,mormanis bu’aa saba ufii duree godhatee,daangaa waa hundaa xiinxalaa mormuu qaba,lachuu saba ufii giddu-gala godhatanii hojjachuutu irraa mala.HalooYoo daftee du’uu barbaadde,hiyyummaa faarsaa, gubbaan hinaaffaa irratti dabaltaa,namaan wajji morka seeni,dhukkuba doktorri tookollee sii hin argineen daftee lubbuu tee hobbaafattaa”akkuma jedhamu sana,yeroo ammaa yoo jibbamuuf karaa buute,yaaduma sirna qabu tokko qabadhuu as bahi,inni abaluu keennaa irra darbaa,mee yaada isaa kana dhaggeeffadhaa kan siin jedhu hinjiru, yeroo kana keessa,nama Rabbii Rabbuma qofatu beeka malee,akka durii namni hidhii sii ciinnattu tokkollee jiraatuuf hin deemuu xiinxalli.YoooooGubaa keessoo keetii Rabbi malee namni sii hin arguu beeki,kan abdatan Rabbi malee nama akka hin taane haala ufii keetii.keessa jirturraa xiinxalli irkoon kee Rabbi malee namaa mitii xiinxalli,afaan kee qabattee,gurra kee qadaaddee,ija kee lamaan dunuunfattee,yaa Rabbi dogongora na oolchi jettuyyuu akka barbaadde sanatti nama jalaa nagaa bahuun salphaa mitii laali,yeroon keessa jirru kan qormaataatii argi.HaloooHarka mur****aafi harma mur****aan duraan kitaabaan dubbisne sana amma ija keennan argaa jirraa beeki,sirni namoomaa inuma nama keessaa duuchumatti dhumee,bineensummaan namaa daangaa darbaa jiraa taajjabi.Silaafuuadaduma barnootaan guddattuun mana hidhaatti kalaahaa deemtaa argi,adaduma mirga namaatiif falmituun qabritti kalaahaa deemtaa laali,silaafuu lama keessaa filattu malee nagaa bahuunis hin jirtuu dubbiin ulfaatee jiraa beeki,ati yoo kana hin tahin sani,yoo san hin tahin kana kan siin jedhu, isa hayyuudha,isa Rabbi sodaata,isa barate,isa irra aqlii wayyaa qaba jettee eeggattu sana fa’aa laalii xiinxalli.Obbolaayeroo kana keessatti hawaasa bal’aa wajji taatee yaada qabdu ibsitee jiraachuun gatii guddaa si kaffalchiisaa hubadhu,kan mootummaa keessaa gatii guddaa kafalus,kan hawaasa keessaa gatii guddaa kaffalus gara lamaanittuu gatii hin qabuu xiinxalli,qixxaa gara lamaan gubataa jiru bakka lamaa qabnaa ija qaroo qabduun laali,gubata namaa hubataa namaattu arga jedha Oromoon.MaraafuuYaa hayyuu,saba kee saalfadhu,yaa Aalima Rabbii kee sodaadhu,yaa beekaa barnoota kee qaanfadhu yaa abbaa qabeenyaa qabeenya Rabbitu kennaa garaa kee sassaabadhu,osoo bitaafi mirgatti oliifi gaditti conqol jettu,yookaa hawaasa keetii hin taane,yookaa Rabbii keetiin wal-hin taane,jiddutti ufiifis baddee hawaasa keetis balleessitee gatii saba keetiin malu dhabsiistaa uf qusadhuu,haqa bira gadi ijjadhu.Yes”Stand up for what you believe is the right thing to do, even if it means standing alone ” Suf.