Mariin kun dhimmoota tumsa waraanaa biyyoota lamaanii daran cimsuu fi fayyadamummaa dhaabbilee ittisa isaanii mirkaneessan irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Daarektarri Olaanaa Daayirektoreetii Waliigala Ittisaa Hariiroo Alaa fi Tumsa Waraanaa Meejar Jeneraal Teshoome Gemechuu akka jedhanitti, hariiroon Ityoophiyaa fi Morookoo damee adda addaatiin cimee jira.
Akkasumas michummaa cimaan biyyoota lamaanii gidduu jiru Afrikaanonni waliin dhaabbachuun kaayyoo waloo isaaniif akka hojjetaniif fakkeenya ta’uu ibsaniiru.
Biyyoonni kunneen seenaa isaanii keessatti yeroo jalqabaatiif walgahii koree waloo gaggeessaa akka jiran kan hubachiisan Meejar Jeneraal Teshoome Gemechu walgahiin kun dhimmoota barnootaa fi leenjii, industirii, dabarsuu teeknooloojii fi gama tumsa biroo irratti fayyadamummaa waliinii mirkaneessan irratti kan xiyyeeffate ta’uu akeekaniiru. Waliigalteen irra ga’ameen hojiirra oolmaadhaaf boqonnaa haaraa banuu beeksisan.
Birgaadeer Jeneraal Abdelkahar Atmaanee, Daarektarri Daayirektoreetii Kuwaartarmaastar Raayyaa Ittisa Biyyaa Mootii Morookoo gama isaaniitiin, waliigaltee mallattaa'e kana dirree waraanaa irratti waliigaltee guddaa ta'uu ibsuun, ittisa biyya isaanii tumsa waraanaa Itiyoophiyaa waliin qabu sadarkaa olaanaatti ol guddisuuf ciminaan hojjechaa akka jiru, akkasumas hojiirra oolmaa hanga ammaatti taasifame jajjabeessaa ta'uu ibsaniiru.
Ittisa Morookoo adeemsa meeshaalee ittisa Ityoophiyaa fayyadamuu eegaluusaa, dhimmi kun yeroo dhiyootti hojiirra akka oolu akeekkachiisaniiru jedha odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa raayyaa ittisaa irraa argame ni mul’isa.



