Intalli kun akkam akka na boonsitee fi na gammachiiste jechaan ibsuuf na rakkisa. Haalli isheen itti of ibsitee fi Sabboontummaan isheen agarsiiste baay'ee nama hawwata.
Qabiyyee haasaa ishee fi IShowSpeed (Speed) giddutti taasifame mee ilaalaa:-
Speed: Jaakeetii kana 1 hanga 10 keessaa meeqa kennitaaf?
Haset: Sagal (9).
Speed: Kudhan (10) argachuuf maal gochuun qaba?
Haset: Gara Itoophiyaa deebitee dhufuudhaan.
Speed: Gara Itoophiyaa yoon deebi'ee dhufe, irbaata waliin ni nyaannaa (Date naaf baataa)?
Haset: Itti nan yaada (I'll think about it).
Yeroo shamarran biroo 'Comment' irratti xiyyeeffannoo argachuuf "Ani Single dha" jedhanii of salphisanitti, Haset garuu uummata addunyaa miliyoona ja'a (6 Million) ol hordofaa jiru duratti, dubartoonni Itoophiyaa bareedduu, ofitti amantuu fi safuu kan qaban ta'uu isaanii qabatamaan mirkaneessiteetti.
Dabalataanis, "Speed isa Itoophiyaa" kan Afaan Amaaraa qofa dubbatu sanaaf, gad of qabuun (humble) ta'uun afaan hiikaafii, namummaa guutuu fi Moodeela idil-addunyaa ta'uu ishee agarsiisteetti.
Maatii ishee Obbo Darajjee Admaasuu fi Haadha manaa isaanii, intala akkasitti biyya boonsitu kana safuu fi safeeffannaa guutuudhaan guddisanii nuun ga'uu isaaniitiif galatoomaajennaan! 🙏🏽❤️
