Itoophiyaan Afrikaa keessaa biyya albuuda warqee hedduu omshitu ta’uuf proojektii albuuda warqee doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 40 ijaaruuf akka jirtuu ibsite
Itoophiyaan pirojektii warqee Tulluu Kaappii misoomsuuf doolaara miiliyoona 300fi miiliyoona 40 erga argattee booda, oomisha warqee biyyaattii kan sadarkaa xiqqaa irra jira jedhamu gara damee albuuda Afrikaa keessatti sadarkaa olaanaatti guddisuuf tarkaanfii murteessaa fudhatteetti jechuun Afrikaan Biizinessi Insaayider (Business Insider Africa) gabaase.
Pirojektiin kun hojii albuudaa ammayyaa biyyattii keessatti isa guddaa ta’a jedhameetu eegama.
Akka gabaasa kanaatti, maallaqni doolaara miiliyoona 200fi miiliyoona 40 kun bifa liqii yeroo dheeraatiin dhaabbilee misooma Afrikaa irraa kan argame yoo ta’u, doolaarri miiliyoona 100 immoo erga piroojeektiin kuni faayidaa argamiseen booda kan deebifamudha. Deeggarsi kun dhaabbati Keefii Gooldi ende Kooppar (KEFI Gold and Copper) jedhamu kan proojektii kana misoomsu, gara ijaarsa guutuu akka seenu ni taasisa jedhamee jira.
Hogganaan Olaanaan Dhaabbata KEFI, Haarii Anagnoostaaras, waa’ee maallaqaa kanaa ilaalchise yaada Afrikaan Biizinessi Insaayidariifi (Business Insider Africa) kennaniin,
“Dhiyeessiin liqaa Tulluu Kaappii amma qaamolee dhimmi ilaallatu hundaan waliin mallattaa’uu hordofee gammachuun akka itti dhagaamee ibseera.
Kunis akka misooma pirojektii guutuu eegaluutti sochii dabalataa bakka sanatti kan kakaase yoo ta’u, piropozaalota hafan invastaroota biyya keessaafi oggeeyyii qopha’aan gidduutti akka xumuraman ni taasisaa ” jedhaniru jechuun AS'tu gabaase.

