Spider Media: Rajab 6, 1447 AH
Ministirri Muummee I-zrael Daj-jaal Sheyixaaniyaahuun mootummaa Rippaabilika Somaalilaandiif itti beekamtii kennuu waajjirri isaa beeksiseera.
I-zrael tarkaanfii kana kan fudhatte Somaalilaand waliigaltee hariiroo I-zrael waliin qabdu idileessuu ishee dandeessisu kan pirezidaantii Ameerikaa Donald Tiraampiin dhihaate ''Waliigaltee Abraham/Ibraahimiyyaa" fudhachuu ishee hordofee akka ta'e ibsite.
Ministirri Muummee I-zrael Sheyixaaniyaahuun Pireezidaantiin Somaalilaand Dr. Abdirahmaan Mohaammed Abdallah tiin baga gammaddan jechuun, hoggansaa fi kutannoo isaan tasgabbiifi nageenya mirkaneessuuf qaban galateeffatanii pireezidaantichi I-zrael akka daawwatan affeeruudha odeeffannoon Waajjira ministeera muummee I-zrael kan mul'isu
Pireezidaantiin Somaalilaand Ministira Muummee Sheyixaaniyaahuun "murtoo seena qabeessa ta’eef galateeffachuun milkaa’ina Sheyixaaniyaahuun shororkeessummaa loluu fi nageenya naannoo mirkaneessuu keessatti agarsiisaniif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru" jedha ibsichi.
Murtoon Somaalilaand waliigaltee Ibraahimiyyaatti makamuuf fudhatte kun ministeera haajaa alaa Sa’arfi dursaa Moosaad Deevid Barneeyaa fa'iin faarfameera.
Izraa’el hariiroo Rippaabilika Somaalilaandii waliin qabdu hatattamaan karaa qindoomina cimaadhaan dirreewwan qonnaa, fayyaa, teeknooloojii, fi dinagdee keessatti babal’isuuf karoorfatteeetti jedha ragichi.
Somaalilaand imala biyya ta'uuf qabdu murtoo dogongoraa caba isii hariifachiisuun eegalteetti.
