Xiyyaara Tokkichi isaa xIyyaarota kumaan dorgomu F-35
Isa biratti xiyyaarri waraanaa kan biraa tokko jabaa jedhamuu hin dandayu! Q
Xiyyaara jabduu kana Ameerikaan yoo xiqqaate hanga bara 2060tti gachaanaa fi mallattoo cimina kootii jettee Ittiin dhaadatti.
Dhugumaan xiyyaarri kun tokkoon isaa waraana kumaatama caalaatti bu'aa guddaa qaba.
Maqaa xiyyaara kanaa guutuun isaa F-35 Lightning II, jedhama xiyyaara Ameerikaan oomishtee fi Ol'aantummaa humna qilleensaa addunyaa mara irratti ittiin Argatte keessaa cimaa fi ammayyaa ta’eedha. Kun xiyyaara tokko qofa utuu hin taane, kophaa isaatti sirna waraanaa bal’aa fi dandeettii teeknooloojii ol’aanaadha!.
Xiyyaarri kun abbaa teessoo tokkoo fi motora tokko qofaan socho’u yoo ta'u haala qilleensaa xIyyaarota biroof rakkisaa ta'e hunda keessatti rakkoo tokko malee socho’uu fi haleellaa raawwachuu danda’a. Kana malees, lafa guddaa hin fedhuu! Akkuma ilikooftaraatti
bakka xiqqoo irraa dhaabbatee, Utuu sagalee hin dhageessisn gara qilleensatti ol ba’uu danda’a. Bakkuma xiqqoo irratti ka’uu fi qubachuu danda’a,
Dooniiwwan waraanaa bishaan irra jiran irraa Daqiiqaa muraasa keessatti Qophii tokko malee furguggifamee ka’uun haleellaa raawwachuu danda’a.
Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa kun – teeknooloojii ammayyaa fi walxaxaa of keessaa qabaachuun, xiyyaara waraanaa addunyaa keessaa sadarkaa olaanaa irra jirti.
Yeroo tokko balalii'uuf, siisteemota koompitaraa miliyoona 8 olii fayyadamti.
Hayyoonni waraanaa fi teeknooloojii hedduun, kun xiyyaara qofa osoo hin taane, "kompitara cimaa balali’uu danda’u" jechuun ibsu.
Waraana qilleensa irraan cimtuu dha , qilleensa irratti xiyyaara diinaa rukutuu haleeluu kuffisuu dandeessi.
Sammuu Namtolchee fi Sooftiweeri adda ta'e qabdi hubachu fi xiinxaluu dandeeysi, diinaa fi fira fageenya Irratti hubachuu dandeessi.
Fageenya irraa Utuu hin Dogongo
