Magaalaa Maqalee dabalatee mormiin ummata baldhaa murna jaarrolee TPLF fi michuu isaanii jaarrolee sha'ebiyaa irratti gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu isaa maddeen Maqalee irraa gabaasaniiru.
Jaarroleen TPLF mormiin kutaa hawaasa hunda irraa isaanitti dhoohuf deemu kallattii jijjiiruf mootummaa federaalaatin lolla jechuun meeshaa waraana gurguddaa kana dura dhoksite baaste oliif gadiin naannawaa jiru.
Ummanni Tigraay gama isaatin sochii waraana fi siyaasa moofa jaarrolee TPLF fi jaarrolee sha'ebiyaa balfuuf jecha hiriira nagayaa gaggeesse balaaleffachuuf qophii gochaa jiru.
Gama biraatin immoo hidhattoonni murna TPLF faayidaa isaanin malu hunda waan dhabaniif ajaja qondaaltota waraana olaanoo TPLF ifatti fudhachuu didanii jiru.
