Biraazil, Raashiyaa, Indiyaa, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaatiin kan hundaa'e gareen BRICS miseensota haaraa hammachuu fi dhiibbaa isaa babal’isuun madaallii siyaasaa fi dinagdee addunyaa jijjiiraa jira.
Gareen kun dursa irratti Biraazil, Raashiyaa, Indiyaa, Chaayinaadhaan maqaa 'BRIC' jedhuun hundeeffamee A.L.Atti bara 2009 ya'ii isaa jalqabaa Raashiyaatti kan taa'e yoo ta’u, bara 2011tti ammoo Afrikaa Kibbaa ofitti dabaluudhaan gara 'BRICS'tti guddateera.
Har'a Itoophiyaa dabalatee garee guddaa miseensota 10 qabu yoo ta'u, biyyoonni garee kanatti makamuuf fedhii qabanis laayyoo miti.
Gareen kun Baankii Misooma Haaraa hundeessuudhaan biyyoota guddachaa jiraniif filannoo faayinaansii misoomaa ta'ee jira.
Kun ammoo fedhii miseensa garee kanaa ta'uu dabaleera.
Itoophiyaa, Ijipt, Iraanii fi Emireetonni Araba Gamtoomanii bara 2024tti garee kanatti kan makaman yoo ta’u, Indooneezhiyaan dhiheenya kana miseensa guutuu 10ffaa ta’uun garee kanatti makamteetti.
Miseensummaan garee kanaa guddachaa dhufuun, murtee dabarsuu irratti garaagarummaa uumuu akka danda’u ogeeyyiin eeranille, biyyoota gola Kibba Addunyaatiif garuu sagalee guddaa ta’aa jira jedhameera.
Biyyoonni akka Naayijeeriyaa, Viyeetnaamii fi Veenizuweelaa, gara fuulduraatti miseensa ta’u jedhamee eeggama.
Kunis BRICS garee irraa gara dhaabbata idil-addunyaa guutuutti akka cehu carraa uuma jedhameet eeggama.
Taaddasaa Yaadateetu qindeesse


