Dubartiin ajjeefamte Adaanech Kumsaa jedhamtu hojjettuu Baankii Daldala Itoophiyaa damee Alaltuu yoo taatu, jireenyaan Magaala Sandaafaa Bakkee jiraachaa turte jedha Poolisiin.
Qajeelcha Poolisii Magaala Sandaafaa Bakkeetti itti-gaafatamaa Kutaa Qorannoo kan ta'an Itti aanaa Komadaraa Nigaatuu Alamuu BBCtti akka himanitti, ajjeechaa sukaneessaan kuni A L I Muddee 6, bara 2018 raawwatame.
"Hojjettuu Baankii Daldala Itoophiyaa damee Alaltuuti miidhamtuun kuni. Jireenyaan magaala keenya keessa jiraatti. Taateen kuni A L I gaafa Muddee 06, bara 2018 halkan naannoo sadiitti raawwatame."
"Magaala Sandaafaa Bakkee Gomaaxaa jedhamutti halkan sa'aatii 3tti ajjeechaan kuni kan raawwatame," jedhan.
Akkaataa yakki kuni ittiin raawwatame irratti qorannoon poolisiin hanga ammaatti taasise akka mul'isutti, miidhamtuun tunii fi shakkamaan Obbo Tsagaayee Asaalifoo jedhamu hariiroo jaalalaa kan qaban yoo ta'u, galgala sana hoteelatti nyaata ajajatanii nyaachuu ibsa.
"Jarri kuni lamaan galgala sana Hoteela Yeroosan jedhamutti nyaata ajajatanii dhibdee isaan gidduu tureen miidhamtuun kuni nyaata sanalleen osoo hin nyaanne dhiistee baatee deemte."
"Ergasii shakkamaan kuni konkolaataa kaafachuun duuka erga bu'ee konkolaataa keessa seensiseen booda bakka Gomaaxaa jedhamuu fi magaalarraa bahee jiru kana geessuun shugguxiidhaan ajjeese" jedhan.
Miidhamtuu kana rasaasaan erga ajjeeseen booda achumatti gatee deemuun gara Magaalaa Alaltuutti akka miliqee fi konkolaataa fi shugguxiin yakki kuni ittiin raawwatame achuma magaala keessatti gatee miliquu ibsan.
"Konkolaataa fi meeshaan yakka kana ittii raawwate magaalaa Alaltuutti gatee miliqe. Yakkichi konkolaataa kana keessatti akka raawwatame dhiignii fi shugguxiin konkolaaticha keessaa ragaadha," jedhan Komaandar Nigaatuun.
Shakkamaan kuni miidhamtuu dhuunfaa kana rasaasaan erga ajjeeseen booda achumatti gatee waan deemeef reeffi miidhamtuu kanaa aluma bulee qaamnishee bineensaan nyaatamuus eeran.
Eeruu hawaasarraa dhufeen galgala sana namootni naannoo sanaa dhukaasa naannichatti dhagahuu fi konkolaataan bakkicha turtes kan too'atamte kanaan kan walfakkaatu akka ta'e himanii jedha poolisiin.
Haftee reeffa bineensaan nyaatame kana walitti qabuun qorannoodhaaf Hospitaala Phaawuloos erga geeffameen booda maatiin fudhatanii awwaaluus himan.
Shakkamaan yakka kana raawwate konkolaataa fi meeshaa yakka kana ittiin raawwate gatuun bakka biraatti akka miliqee fi poolisiin hordofee seeratti dhiheessuuf tattaaffii gochaa jiraachuun himame.
Via BBC Afaan Oromo
