-1. Akka biyyaatti TV sadii qofaatu jira.
2.Dhiirri tokko durba waliin waa'ee jaalalaa kan inni haasa'uu danda'u yoo kan ishee fuudhu ta'e qofaadha. Gaafa guyyaa gaa'ela isaanii bakka awwaalcha Kim Sung 2ffaa daawwachuun dirqamadha.
- Filannoon waggaa 5, 5niin geggeeffama. Garuu kaardiin filannoo maqaa nama tokkoo qofaa qaba.
- Yoo yakka hojjette amma dhaloota sadii fi maatiin hundi itti gaafatama.
- Namni kamiyyu rifeensa isaa akkaataa mootummaan eeyyamuun qofa sirreeffata. Akka pireedizantii isaanii uffachuun ta'e rifeensa sirreeffachuun dhorkaadha.
- Konkolaataa ykn computerii bitachuuf eeyyama mootummaa argachuu qabda.
- Kooriyaa kaabaa keessatti amantiin kamiyyu dhorkaadha. Waaqni jira jechuun nama adabsiisa
- Kaalendarii isaanii bara 1912 yeroo mootiin isaanii Kim sung 2ffaa dhalatee kaasanii lakkaa'u. Amma akka addunyaa 2020 irra hin geenye bara 109 irra jiru
- Tiraafikiin durbaa qofaatu jira. Tiraafikiin dhiiraa hin jiru!
- Kooriyaa kaabaa keessa akka biyyoota biroo taaksii fi gibirri ummata irraa hin funaanamu.
- Yeroo mucaan dhalatu maqaa pirezidantii isaanii baasuun hin danda'amu. Yoo osoo pirezidentiin isaanii hin muudamiin dura baasaniif ta'e maatiin maqaa mucaa jijjiiruuf dirqamu.
- Biyyattiin rakkoo humna ibsaa waan qabduuf yeroo hundaa akka guutuu biyyaatti halkan ibsaan ni bada.
- Maatiin ijoollee barsiifachuuf gara M/B yeroo ergu taa'umsa kennuun dirqama.
- Uffata jiinsii bifa samii (blue) uffachuun dhorkaadha. Akka sirna impeeriyaaliizimii USA tti ilaalu.
- Magaalaa guddoo piyongyang keessa nama eeyyemameef qofaatu jiraachuu danda'a.
- Biyyattii keessa qaama miidhamaan hin jiru. Ni ajjeefamu.
- Humni nama baratee 100% dha. Namni hin baranne hin jiru..
- Raadiyoo biyyattii sagalee hiri'suu malee dhaamsuun dhorkaadha.
-By the way namichi kun bulchiinsa ABIY AHMED kana hedduu akka dinqisiifatuu fi deeggaru yeroo baay’ee Abiyyiif dhaamsa ergaa ture!;)
