Ministeerri muummee Itiyoophiyaa kabajamoo Dr Abiy Ahmed Ali hawaasa gammoojjii Baalee Bahaa misooman kiisa jechuun akkuma bara 2012 waada gale hojii ijaarsa jallisii Cal-cal kan sababoota adda addaatin harkifate rakkoo jiru erga adda baasanii booda maashina kanaan dura Ardii Afrikaa seenee hin beekne biyya #Jarmaniitti qarshii Itiyoophiyaa miliyoona 600 ol ta'uun hojjachiisun jallisii Cal-cal ariitin akka xumuramu haala tolchaniiru.
Qondaalonni mootummaa olaanon abbummaan godinicha bulchan haala sochii hojii ijaarsa jallisii Cal-cal ilaalun ogeeyyota warra biyyoota alaa fi biyya keessaa hojjicha irratti hirmaatanii hojjachiisa jiran jajjabeessaniiru.
Gama biraatin immoo mootummaan ministeera muummee Itiyoophiyaa kabajamoo Dr Abiy Ahmed Alii tin durfamu hawaasa Gammoojjii Baalee Bahaa qabsoo bilisummaa malee qabsoo misooma irraa moggeeffamanii dagataman misooman kiisun akka hawaasicha hiree biyyattii irraa fayyadaman gochuu irratti argama.
Ummanni Aanaa Raayituu fi olloota isaa jiraatu akkasumas hawaasni gammoojjii baalee Bahaa bulchaa biyyattii quuqama ummataatiif jecha waan hooggansi Afrikaa kamiyyuu hojjatee hin beekne hojjachiise ummata isaa misooman kiisuf jecha biyya galcheef galata galchuun barbaachisaadha.
Ummanni Baalee Bahaa looretii nagaya addunyaa waliin qalbii fi gochaan hiriiru cimee itti fufeera.


