( ! ) Notice: Function _load_textdomain_just_in_time was called incorrectly. Translation loading for the health-check domain was triggered too early. This is usually an indicator for some code in the plugin or theme running too early. Translations should be loaded at the init action or later. Please see Debugging in WordPress for more information. (This message was added in version 6.7.0.) in /home/muhesocn/public_html/wp-includes/functions.php on line 6131
Call Stack
#TimeMemoryFunctionLocation
10.0001361440{main}( ).../index.php:0
20.0002361792require( '/home/muhesocn/public_html/wp-blog-header.php ).../index.php:17
30.0002362208require_once( '/home/muhesocn/public_html/wp-load.php ).../wp-blog-header.php:13
40.0002363008require_once( '/home/muhesocn/public_html/wp-config.php ).../wp-load.php:50
50.0003364624require_once( '/home/muhesocn/public_html/wp-settings.php ).../wp-config.php:102
60.05695507800do_action( $hook_name = 'plugins_loaded' ).../wp-settings.php:593
70.05695509296WP_Hook->do_action( $args = [0 => ''] ).../plugin.php:522
80.05695509296WP_Hook->apply_filters( $value = '', $args = [0 => ''] ).../class-wp-hook.php:365
90.06676164560{closure:/home/muhesocn/public_html/wp-content/plugins/health-check/health-check.php:63-87}( '' ).../class-wp-hook.php:341
100.06706165328require_once( '/home/muhesocn/public_html/wp-content/plugins/health-check/HealthCheck/Tools/class-health-check-files-integrity.php ).../health-check.php:72
110.06706165408Health_Check_Files_Integrity->__construct( ).../class-health-check-files-integrity.php:297
120.06706165408__( $text = 'File integrity', $domain = 'health-check' ).../class-health-check-files-integrity.php:20
130.06706165408translate( $text = 'File integrity', $domain = 'health-check' ).../l10n.php:307
140.06706165408get_translations_for_domain( $domain = 'health-check' ).../l10n.php:195
150.06706165408_load_textdomain_just_in_time( $domain = 'health-check' ).../l10n.php:1419
160.06736168016_doing_it_wrong( $function_name = '_load_textdomain_just_in_time', $message = 'Translation loading for the health-check domain was triggered too early. This is usually an indicator for some code in the plugin or theme running too early. Translations should be loaded at the init action or later.', $version = '6.7.0' ).../l10n.php:1381
170.06736169360wp_trigger_error( $function_name = '', $message = 'Function _load_textdomain_just_in_time was called incorrectly. Translation loading for the health-check domain was triggered too early. This is usually an indicator for some code in the plugin or theme running too early. Translations should be loaded at the init action or later. Please see Debugging in WordPress for more information. (This message was added in version 6.7.0'..., $error_level = ??? ).../functions.php:6071
180.06756170744trigger_error( $message = 'Function _load_textdomain_just_in_time was called incorrectly. Translation loading for the health-check domain was triggered too early. This is usually an indicator for some code in the plugin or theme running too early. Translations should be loaded at the init action or later. Please see Debugging in WordPress for more information. (This message was added in version 6.7.0'..., $error_level = 1024 ).../functions.php:6131
Itoophiyaa waliin Hidha Haaromsaa irratti waliigaluuf waggaa 13 yaallee dadhabne – Masirii - https://muhesofmar.com/cpanel
Itoophiyaa waliin Hidha Haaromsaa irratti waliigaluuf waggaa 13 yaallee dadhabne – Masirii
Home  ⇒  Uncategorized   ⇒   Itoophiyaa waliin Hidha Haaromsaa irratti waliigaluuf waggaa 13 yaallee dadhabne – Masirii

Ministirri Dhimma Alaa Masirii Badir Abdellaatii gaaffii fi deebii BBC waliin taasisaniin dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irratti waliigaltee irra gahuuf ''waggaa 13 yaallee milkaa'uu hin dandeenye'' jedhan.

Abdellaatiin mariin gaggeessaa turre homaa bu'aa tokkorra gahuu dhabnaan erga dhaabnee waggaa tokko taheera jedhan.

''Itoophiyaa waliin kan nuyi hordofaa turre hariiroo biyyoota lameenii gidduu irratti hundaa'uun waliigaltee irra gahuu kan jedhu ture.

Itoophiyaan garuu murtoo mataa isheen Hidhicha ijaarte. Kun seeraan aladha. Seera idil-addunyaa kan cabsedha,'' jedhan.

Akka ittiin bulmaata seera Idil-addunyaatti lageen daangaa ce'anitti fayadamuuf biyyoota yaa'a sanarra jiran waliin dursitee karoorakee beeksisuu, miidhaa dhaqabsiisuu dhiisuu mirkaneessuu qabda jedhan.

Itoophiyaan garuu tarkaanfii mataa ishee fudhatte malee dursitee nu waliin hin mari'anne jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa Hidhicha ijaaruu jalqabuun dura irraayyuu eegaluun mootummaa Masirii mariisisaa turuu himaa ture.

Waliigaltee tokko irrallee osoo hin gahiin waggaa 13 Itoophiyaa waliin mari'anne kan jedhan Abdellaatiin faayidaa biyyaalessaa keenya kabachiisuuf kana boodas cimsinee hojjenna jedhan.

Masiriin marii gaggeessuun waliigalteerra gahuuf fedhii qabaattus gama Itoophiyaan kaka'umsi wal fakkaatu hin mul'anne jechuun dubbatan.

Faayidaa biyyaaleessaa fi bishaan keenyaa kabachiisuuf mirga guutuu qabna kan jedhan Abdellaatiin, yaa'a Abbayyaa keessaa biyyi %98 laga Naayil irratti qofa hirkattu Masiriidha jedhan.

''Uummanni Masirii waggaatti bishaan kuubik meetirii biliyona 80 ol barbaada. Amma laga Abbayyaa [Naayil] irraa kan argannu kuubik meetirii biliyona 55.5 qofa.

Addunyaarraa biyyi bishaan yeroo afur irra deebiin qulqulleessuun [recycle] gochuun fayyadamtu Masirii qofadha,'' jedhan.

Hanqina kana guutuuf rakkataa jirra kan jedhan ministirichi, akka UNtti biyyi hiyyummaa bishaanii jala jirtu Masirii qofa tahuu BBCtti himan.

Akka seera UN bishaan irratti jiruutti, biyyi tokko bishaan peer kaappitaalii kuubik meetirii 1,000 qabaachuu qabdi. Nuyi ammoo kuubik meetirii 500 qofa qabna. Baay'ee xiqqaadha jedhan.

Furmaanni idil-addunyaa jiru maali gaaffii jedhuuf faayidaa biyyaalessaa keenya kabachiisuuf ''akka seera idil-addunyaa fi chaartera UNtti deemna'' jedhan.

''Muddamni kun waan hawwaasa idil-addunyaa yaaddessuudhaa? gaaffii jedhuuf ''Eeyyee! Waliigalteera hin geenyu taanaan waan tahuuf malu yaadessaa taha. Faayidaa biyyaalessaa keenya ni tiksina. Yaaddoo nageenyaa addunyaati.''

Badir Abdellaatii ''Mana Maree Nageenyaa UN'tti iyyanneerra. Kun nageenyaa fi tasgabbii idil-addunyaaf waan yaaddoo tahudha,'' jedhan.

Itti dabaluun bara 2020 deeggarsaa fi jaarsummaa Baankii Addunyaa fi Ministera Maallaqaa Ameerikaan waliigalteerra geenyee ture. Yeroo pirezidaantummaa Ameerikaa marsaa jalqabaa ture. Tiraamp deeggarsa nuuf taasiseera.

Waliigaltichi akka nuyi barbaannu tahuu baatus nuufis, Sudaanifis Itoophiyaas kan fayyadudha jennee waliigalle. Ministirri Dhimma Alaa keenya yeroo sana waliigalticha mallatteessuuf Waashingitan deemnaan Itoophiyaan irraa hafte,'' jedhan.

Marii Waashingitan DCtti dhimma Hidha haaromsaa irratti taa'amaa ture irratti Itoophiyaan deddeebitee hirmaachaa turte.

Isa dhumaaf garuu Ameerikaan Masiriif loogdi jechuun Itoophiyaan irraa hafte.

Sana booda mariin biyyoota sadan gidduu Gamtaa Afrikaa jalatti deebi'e. Innis osoo waliigaltee dhumaarra hin gahiin hafe.

Itoophiyaan Fulbaana bara 2025 Hidhicha ijaarsa isaa xumuruun ifatti eebbisiifte

Masiriin waliigalteen bara kolonii bara 1929 fi 1959 akka hojiirra oolu barbaaddi. Waliigalticha kan mallatteessan Sudaanii fi Masirii yoo tahu, bishaan laga Abbayyaa [Naayil] keessaa isaan bira dhaqabu ofumaaf qooddachuun waliigalan.

Waliigalteen lameenuu biyyoota Yaa'a Abbayyaa gara olii jiran salgan hin hammatu.

Itoophiyaan biyyi bishaan Abbayyaa %85 gumaachitu akka waliigaltee durii kanatti mirgas tahe qooda keessaa hin qabdu.

Akka waliigaltichaatti Masiriin bishaan kuubik meetirii biliyoona 55.5 yoo qooddattu, Sudaan ammoo bishaan kuubik meetirii biliyoona 18.5 waggaatti argatu.

Itoophiyaan waliigalteen yeroon itti darbee fi hunda hin hammanne kanatti waliigaluu hin barbaaddu. Waliigaltichi Masiriin akka hidha Aswaan ijaartu, Sudaan hidha Roozeris akka ijaartu eeyyamaaf.

Itoophiyaan garuu Hidha Guddicha Haaromsaa yeroo ijaaruu jalqabdu Masiriin hanga Mana Maree Nageenyaa UNtti himatte.

Masiriin muuddama Itoophiyaa waliin qabduuf waraana Somaaliyaatti bobbaastee?

Michummaan Masirii, Somaaliyaa fi Ertiraa dhiyeenya kana akkaan dabaleera. Waliigalteewwan waraanaa dabalatee kaanis waliif mallatteessaniiru.

Kun keessumaa erga Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun qaba jettee Somaaliyaa fi Ertiraa irratti yaaddoon dabalee kan jabaachaa dhufedha.

Masiriin erga nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti loltoota ishee Somaaliyaatti bobbaasteetti. Kun yeroo jalqabaafi.

Ministirri Dhimma Alaa Masirii Badir Abdellaatiin waan Itoophiyaa waliin waliigaluu dadhabdaniif waraana keessan Somaaliyaatti bobbaasuuf murteesitanii jedhamanii yoo gaafataman:

''Lakki! dhimma kana walitti makuu hin qabnu. Isa xalayaa barreeffamaan mootummaa Somaaliyaadhaan gaafatamneeti.

Shororkeessitoota mo'achuuf jecha ergama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa keessatti hirmaachuuf loltoota keenya bobbaasne.

Gamtaan Afrikaas nu akka loltoota bobbaasnu nu gaafateera. Kanaaf, bobbaasne

malee dhimma Itoophiyaa waliin wal qabatuun miti. Walabummaa daangaa Somaaliyaa kabachiisuuf, shororkeesitoota loluuf jecha bobbaasne,'' jedhan.

Itoophiyaan murtoo kana mormaa turte. Dabalataan Masiriin buufata doonii Jibuutii irrattis ijaaruuf jetti.

Ulaa tokkittii amma Itoophiyaan fayyadamaa jirtu ammoo buufata doonii Jibuutiiti.

Dhuma irratti Masiriin gabbisa nukileeraa jalqabuu kan ibsan ministirichi humna ibsaa irraa argachuuf jalqabne jedhan.

Indaastirii keenyaaf, humna ibsaaf fedhii uummata keenyaa dabalaa dhufeef dhiyeessuuf ijaaraa jirra. Ri'akterii afur qaba. Dhimma nageenyaaf fayyadamuufidha jedhan

'Waraana Sudaan keessaa harka hin qabnu'

Ministirri Dhimma Alaa Masirii gaaffii fi deebii BBC waliin taasisaniin waraana Sudaan keessaa biyyi isaanii fedhii addaa akka hin qabne himan.

Uummanni Sudaan walaba tahanii akka fuulduree fi walabummaa isaanii irratti murteessan barbaanna jedhan.

Masiriin waraana Sudaan keessaa harka akka hin qabne kan himan Abdellaatiin, akka nagaan bu'uuf hojjenna jedhan.

Masiriin Ajajaa Waraana Sudaan Al-Burhaan deeggarti jedhamuun himamaa ture.

Abdellaatiin garuu qaama tokkollee deeggaraa hin turre jedhan.

''Dubbii sobaati. Dhimma keessoo Sudaan keessa galaa hin turre. Qaamni alaa waraana biyya tokkoo keessa yeroo galu ittuu ni hammeessa. Kun qajeeltoo dippilomaasii keenya keessa hin jiru'' jedhan.

''Waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahuuf pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin tahuun hojjetaa jirra.

Amma adeemsi jalqabne abdii qaba. Sudaan haaraa fi nagaa qabdu akka ijaaramtuuf hojjechaa jirra'' jedhan Abdellaatiin.

Ilmi Mootii Sawudii yeroo darbe gara Waashingitan yeroo deeme Tiraamp waraana Sudaan akka dhaabsisuuf gaafachuun gabaafameera.

Tiraampis waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahuuf hojii jalqabuu himan. Waraanni Sudaan waggaa lamaa oliif deeme lubbuu kumaatamaa galaafateera

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *