Geeshoon biqiltuu maatii "Rhamnaceae" keessaa tokko yoo ta'u, Hindii fi Baha Giddugaleessaa fi Kibba Afrikaatti bal'inaan Argama. Itoophiyaa keessatti ye(Afaan Amaaraa, Tigrinnaa fi Afan Oromoo Geeshoo jedhamuun beekama.
Baala isaa dhugaati Aadaa fi qoricha dhukkuboota adda addaa kanneen akka dhukkubbii dugdaa, busaa, sombaa, dhukkuba walqunnamtii saalaa, infekshinii gogaa, madaa qaamaa,dhukkuba tiruu fi kkf akka qorichaatti ni gorfama.
Geeshoon uumamaan nama hin macheessu; garuu namoonni karaa Ofi fedhaniin gara waan nama macheessuutti jijjiirani fayyadaman malee geeshoon kan ofiin nama macheessu miti!.
Faayidaalee isaa muraasa:
Fayyaa Tiruu Cimsa, Carraa Vaayiresii Tiruun Qabamuu Hirrisa Bu'aa Tiruuf Qaba.
Cooma kuufame qaama keessaa balleessuu fi Furdina Humnaan Olii hir'isuuf gargaara.
Qorannoo Akka Mul'isutti Geeshoon fayyaa Onnee cimsa, Carraa dhukkuba Onneen qabamuu hir'isa, dha'annaa Onnee Tazgabbeessa, Dhippina Hiddoota dhiigaa fi Onneef Fayyada.
Fayyaa garaachaa fi marrimaanii cimsa, Madaa Garaachaa yokan (Gastric Ulcer) fi Garaacha Nyaata Bulleessu Dadhabeef Dawaadha.
Qorannoo Indiyaa keessatti Geeshoo irratti godhame akka agarsiisutti Biqltuu kun Dhukkuboota kalee Kalee Miidhanuu fi Bara Dheeraa kaleerra Turan kan Kaleen Akka Hojii Dhaabdu Taasisan yokan (Chronic Kidney Failure) gi (Nephrotic Syndrome) bu'aa qabeessa ta'uusaa mirkaneessan..
Geeshoo Baalli isaa Firii! sanyiin isaa wajjin walitti Tumamee Damma Wajjin yoo Dibatame Dhukkuboota gogaa, kan akka finniisa,baarillee,soonnoo,Fayyisa Kun Qoricha Aadaa keessatti itti fayyadamuunis Bu'aa isaa argameera.
Geeshoon sochii farra Kaansarii qaba; Kaansarii Namarraa ittisa Kaansarii Garaachaa fi Marrimaanii ittisuuf sochii Baayyee Bu'aa Ajaa'ibaa Qaba.
Dhukkubbii ijaa fi Diimachuu ijaa Lameen Fayyisa.
Geeshoon Kana Malees Bu'aa Hedduu Of keessaa qaba Haala itti Fayyadama isaa Kutaa itti Aanu keessatti Post Godhaa Share Waliif Godha
Faayidaa guddaa inni qabu keessaa Akka aadaa isaatti summii dhiiga qulqulleessuuf akka gaariitti kan fayyadaudha.
Dhukkubbii dugdaa fi dhukkuba ruumatiizimii fi dhukkuba garaachaaf fayyada.
Sochii Farra maaykiroobiyaanii qaba Dhukkuboota walqunnamtii saalaatiin daddarban kan akka Cobxoo yokan Dhukkuba dhiiraa fi infekshinii gogaa dabalatee dhukkuboota adda addaa irratti bu’a qabeessa.
Kalee qulqulleessuu fi 'Diuretic' Oomisha fincaanii guddisuuf kan ooludha.
Naannoo Ethiopia tokko tokkotti dhukkuba busaa yaaluuf kan ooludha.
Dhukkuba sombaa yaaluuf shaayii hundee isaa irraa baafame fayyadamu.
dhukkuba Cobxo Akka qoricha gonorrhea tti fayyadamu.
Shaayii baala isaaa Dhukkuba tonsilii yaala Itiyoophiyaa keessaatti daa’imman dhukkuba tonsilii qaban dhukkubbii hir’isuuf itti fayyadamu.
Biqiltuun kun Ethiopia keessatti dhugaatii alkoolii aadaa kan akka tellaa fi xajjii dabalatee nyaata beeyladaa, qoricha, neektari beeyladaaf, kunuunsa biyyee fi faaya, golgaa fi dhaayii huccuu keessatti tajaajila.
Wanti biqiltuu guddaa kana maqaa balleessu dhugaatii akka xajjii fi xalleetti dabalamuu isaati, garuu ija saayinsii fi amantiin yoo ilaallame Qorannoon godhame akka mirkaneessetti Geeshoo kompaawundoota farra oksijiinii fi farra inflammatory kanneen kalee fi tiruu dhukkuba irraa eegan, akkasumas farra kaansarii, baakteeriyaa fi vaayirasii lolan of keessaa qaba. Uumamaan waan nama Macheessu kamiyyuu of keessaa hin qabu. Vitaaminootaa fi albuudni isaa nyaata fi qoricha namaa kan taasisu malee summii ykn sababa machaa'uu hin ta'u.
Garuu akkuma garbuun biraa ta'aa jiru geeshoonis dhugaatii ta'uu danda'a, kun immoo haala itti fayyadama keeti malee, geeshoon uumama isaatti macheessee ta'ee miti! Geeshoon yoo feete daadhii ta'ee manakee si wallaalchisa, yoo feete qoricha ta'ee si Fayyisaa hundinuu filannoo keetii!.
Geeshoon
Qabiyyee: Vitamins C, E, B1, B2, B3
Akkasumas Minerals Calcium, Sodium, Phosphorus, Iron, Magnesium
Sochiilee Baayoloojii: Fayidaa Amala Qorichaa kan akka antioxidant, anti-inflammatory, hepatoprotective, nephroprotective, anticancer, antimicrobial dabalatee bu'aa qorichaa hedduu qaba!
