Xumuraa leenjicha irratti Kabajamoo Itti Aanaan komishinaraa Jeneraalaa fi Itti gaafatamaan Qajeelcha Muummee Ittisaa yakka Poolisii Oromiyaa Itti Aanaa komishinaraa Darajjee Bayyisaa kallattii hojii kennanniin Poolisiin hojii nageenya mirkaneessuu keessattii gahee olaanaa bahaa jirachuu himanii kun cimee itti fufuu qaba jedhan.
Poolisiin Oromiyaa hubannoo argattan kanaan hawaasa keenyaa si'ayinaan tajaajilu qabdu jedhan.
Naamusni hojii hojjetamuu kamiyyuu keessatti barbaachiisaa waan ta'eef namusaa gaariin hawaasaa isaa tajaajiluun murteessaa ta'uus himaniiru.
Komishinar Gargaaraa Doktar Geetaachoo Ittaanaa Qajeelcha Olaanaa Bulchiinsa Qabeenya Humna Namaa ergaa dabarsaniin Poolisiin Oromiyaa nageenya naannoo keenyaa eeguu keessatti hojiilee gurguddaa hojjetaniiru jedhan.
Poolisiin keenya bakka ramadamee jiruu hundaatti tajaajila hawaasni nuu irraa barbaduu hundaa kennuun barbaachiisaa ta'uus himaniiru.
kaayyoon leenjii kana inni guddaan Poolisiin Oromiyaa hubannoo wal fakkataa qabachuun hawaasa isaani qixaa barbadamuun akka tajaajilaniif ta'uus himaniiru.
Poolisiin Oromiyaa humna namaa keenya dabaluu fi leenjiin cimsaa deemuuf ciminaan kan hojjetamuu ta'uu Komishinar Doktar Geetachoon himaniiru.
Nagaan Hundaa Keenyaaf!

