Akkasumas Rifeensi ciccituu fi harca'uu.
🌿 Sidir (qurquraa– Faayidaa fi Mala Akkaataa Fayyadamuu
Sidir ykn qurquraan naannawa hunda keessatti argama. Tarkaanfii kana fudhachuuf sidir irraa baala torba qofa fuudhuun ga’a. Sababni isaas:
Baalli Sidir muka Jannataa keessaatti argamuudha.
Rasuulli ﷺ intala isaa duute bakka awwaalchaatti akka bishaan fi sidiriin dhiqan ajaje.
Baalli Sidir Qur’aana keessatti bakka hedduutti dubbatame ( Fakkeenyaaf: “…fi Sidirin ”).
Shayxaanni fi jinniin hamtuun baala sidirii hin jaalatani .heddu jibbu.
Baalli Sidir qaama namaaf, garaachaaf fi hanqina qaamaa gara garaatti bu’a qabeessa.
-
💧Akkaataan Fayyadamuu
- sidir torba (7) fudhadhu.
- Uffata qulqulluu uffadhu, (wuduu godhadhu).
- Sidir torba sana bishaan keessatti kaa’i.
- Qur’aana sirritti itti qara'i
Faatihaa – 7 yeroo (yoo dabalte gaarii dha).
Qul hulaawu biraabil falaq, Qul hulaawu biraabin naas fi Qul hulaawu Allaahu ahad – 3 yeroo ykn isaa ol.
Aayatul Kursii hanga dandeessutti.
Suuratu Baqara aayata dhuma lama.
- Kana booda bishaan kana irraa dhugi, harka irraa hafte bishaan kanaan dhiqadhu.
- Garuu yeroo of dhiqxuu:
Bishaan gara manneen haguugganii keessa hin naqatiin.
Muka tajaajiluuf kenni yookin lafa irra naqi.
manaa keessattis bishaanitti haala gaariinmakuun muraasa facaasi.
✨Faayidaa AtinArgattu.
Qalbii tasgabbaa’aa argatta.
Dhiphinaa fi rifaatuu hir’isa.
Hiirriba bareedaa dangaa qabu argatta.
Haala jireenya keessatti turtii miira nagaa argatta.
⚠️ Yaadannoo Gaarii
Ruqyaan gaarii kan namaaf bu’a qabu ruqyaan nama ofii ofiin ta’uudha.
Ruqyaan namaa gurguratu ykn wanta badii itti dabalanii kennan irraa fagaatu.
Qalbii qulqulleeffadhu, Rabbitti amani, fayyaa Kennaan Rabbi qofa.
Akkuma xumurte Nabiyyii ﷺ irratti salawaata fi salaama buusi.
💜 Salaallahu Aalaa Nabiyyinaa Muhammad 💚
