- Sirna ittisa dhukkubaa(immunity system) qaama keenyaa ni guddisa.
- Rakkoo Gogaa Ittisa. Baakteeriyaa Finniisa fidan ni dhabamsiisa. Hoosisuu qaamaa balleessa.
- Sirna Hargansuu fooyyessa. Qufaa, hafuura kutuu, hafuura baafachuu dadhabuu fooyyessa.
- Sukkaara Dhiigaa To'ata. Hamma Sukkaara dhiiga keessaa jiruu hir'isa.
- Dhukkuba bookee busaan dhufu yaaluuf gargaara.
- Forforiifi mataa keessaa balleessa.
- Irgi dhiiguu, afaan foolii badaa kennuu fi Ilkaan tortoruu irraa nu ittisa.
- Carraa dhukkuba kaansariin fi dhukkuba onneetiin qabamuu namaa hir'isa.
•Bokoka/dhiita'uu garaa, fi gogiinsa garaa irraa nu fooyyessa.
- Dhukkuboota saalqunnamtiin daddarban tokko tokko yaaluuf ykn fooyyessuuf gargaara
- Bullaa’insa nyaataaf gargaara
➾➾➾➾➾➾➾➾➾
Akkaataan fayyadama isaa:
▵Baalli 6 ykn 7 nama tokkoof ni gaha.
▵Baala isaa akka shaayitti danfistanii dhuguu ykn
▵Baala isaa akka juusiitti qopheeffattanii dhuguu
▵Baala Cafaqanii gogaa bakka miidhametti dibachuu.
Sagantaa Boqonnaa shaayii jedhu kanaan mukkeen naannoo keennatti argaman, kan salphatti bifa shaayitiin qopheeffannee itti fayyadamuu dandeennuu fi kanneen bu'aa fayyaa guddaa qaban isiniif kan himnu ta'a.
