Murni #Tplf yakkoota waraanatti seenuuf dirqisiisoo ta'an raawwachaa jiraachuu Fiild Maarshaal Biraaluu Juulaa ibsan.
Murni maanguddootaan durfamu kunneen waliigaltee #Piriitooriyaa boodas yakkoota waraanatti seenuuf dirgisiisoo ta'an raawwachaa jira jedhan. Yaada kana kan kaasan guyyaa haleellaa raayyaa ittisa biyyaa ajaja kaabaarratti raawwatame woggaa 5ssoo irrattiidha.
Guyyaan kunis mata duree, "Akka hin dabalamne yomiiyyuu hin dagatamu!" jedhuun yoo ta'u, #Tplf Aksum dirree waraanaa godhachuun gocha farra heera mootummaa raawwachaa akka jiru ibsanii jiru.
Akkasumas murni kunneen daangaa Itoophiyaa sarbuun Ertiraa wajjiin hariiroo uummataa akka jiru ibsanii jiru.
"Osoo waraana eegallee murni tplf baqatee holqa seena, kan miidhamu uummata, kanaaf waraanarraa of qusanne!" jedhan.
