Jiilli gorsaa ministeera muummee Itiyoophiyaa dhimmoota gaanfa Afrikaa obb.Geetachoo Raddaa fi daayrektarii tajaajila odeeffannoo fi Tika biyyoolessaa #Obb.Reduwaan Huseenin durfamu guyyaa 2ffaa isaanii magaalaa #Buree buufata doonii Assab irraa kiloomeetira 60 fagaatte argamtutti argamuun hawaasa naannichaa waliin dhimmoota hedduu irratti mari'ataniiru.
Bureen qondaalota olaanoo mootummaa Federaalaa fi qondaalota mootummaa Naannoo Affaar akkasumas qondaaltota waraana raayyaa ittisa biyya simattee gootummaan keessumeessaa jirti.
Dabalataan immoo daawwannaan qondaaltota olaanon naannawa daangaatti taasifame sochii Itiyoo-Ertiraa gidduu jiru gara shakkii waraana keessa galuutti oofa mala jechuun hayyoonni siyaasa xiinxala qaban ibsaniiru.

