Qabeenyi kuufamaan Baaleetti argamu hunda keenyaaf ni gaha. Qabeenya kuufamaa kana kunuunsanii sirnaan itti fayyadamuu dhabuun gaaffii hunda keenyaa ta'uu qaba.
Qabeenya hamma kana osoo qabnuu maaliif hiyyoomne gaaffii jechuuf deebii hin arganne.
Waa'ee qabeenya Itoophiyaan qabduu yoo yaadan, hiyyummaan hamma kadhaa gahu maaliif nutti dhufe jechuun of gaafachuun deebii argachuu hin dandeenye.
Qabeenya hangas gahu osoo qabnuu ijoolleen keenya maaliif miila qullaa deemti?
Waan dhalootaaf tahu jabaatanii hojjachuu irratti dhalootni amma jiru cimee hojjachuun biyya dhaloota dhufuuf mijattuu taate har'a hojjachuu qaba.
Haalli keessa jirruufi waan nuuf kenname wal hin gitu. Kuni booree tahee ciminaan hojjachuun biyya fooyyofte dhaloota egereef qopheessuun hojii manaa nama hundaa tahuu qaba."
Dr Abiy Ahmed Ali
Muummee Ministeeraa