Lami Media,( Sad 24/2025 ), Dhiheenya gabaasni Firepower biyyoota Afrikaa dandeettii meeshaa Waraa-naa fi Humna waraa-naa qabaachuutiin sadarkaa baaseen Itiyoophiyaan biyyoota Ardii Afrikaa keessaa gahumsa meeshaa waraanaa fi humna Waraanan sadarkaa 5'nessoo tahuu ibse.
Dandeettii meeshaa Waraa-naa qabaachuutiin Masriin Afrikaarraa ni Dursiti tahuus, garuu dandeettii humna Waraanaa lafootiin Waraa-nni Itiyoophiyaa sadarkaa 1'ffaa tahuu gabaasni calallii dandeettiifi meeshaa waraa-naa adda baaseen ifoomseera.
Seenaa biyyoota Ardii Afrikaa keessatti waggoota 80'n dabran dura dandeettii Waraa-na lafoo fi humna tokkummaatiin biyyi meeshaa Waraa-naa Amayyaa Waraa-na lafoon injifachuun walabummaa ishee itti fufsiiste Itoophiyaa qofa yoo taatu, waggoota 30'n dura Itiyoophiyaan Waraa-na lafoon Kooriyaa fi Layibeeriyaatti naga kabachiisaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii jalatti hiriiruun injifannoo gonfachuudhaan beekamti.
Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa
