Kooyishaa Hidha Guddicha Afrikaa 2ffaa‼
Hidha haaromsa guddichatti aanee hidhi guddichi humna elektiriikii maddisiisu Kooyishaan Aanaa Koontaa laga Oomoo irratti ijaaramaa kan jiru yoo tahu, ijaarsi isaatis saffisaan xumuramaa jira.
📌Baasii Yuuroo Biliyoona 2.5 kan fixu hidhi kun, ol ka'iinsi isaa 180m yoo tahu, 35m hidha haaromsa caalaa dheerata. Dheerinni isaa immoo 1km dhihaata. Haroon Hidhichaan uumamu gama duubaatti 130km dheeratee Gibee lakkofsa 3 walitti dabalama.
📌Kaampaanii Koonistiraakshinii Saaliiniin ijaaramaa kan jiru Kooyishaan yeroo muraasa keessatti xumuramuun humna elektirikii MW 2,170 maddisiisuun, Hidha Gibxii Aswaan caalee hidha haaromsaatti aanee hidha 2ffaa humna elektiriikii maddisiisu taha.
📌Hidhi Koontaa hanga hidhaawwan Gibee lakkoofsa 1,2,3, walitti kan hidhu laga Oomoo irratti ijaaramaa jiru kun pirojektii Muummeen Ministeeraa Dr Abiyyi Ahmad Eegalchiisan Maaddiin Biyyaaf jedhun hojjataman Cabaraa curcuraa fa'a waliin walitti hidhuun naannicha midhaginaa hawwaattummaa uumamaan qabu irratti maddaa annisaa fi hawwata turizimii ajaa'ibaa taasisa jedhamee eeggama.
👉Itiyoophiyaaf ammas abdiin jira. Nageenya kee eeggadhu. Dr Abiy deeggari, biyya badhaate dhaaloota dhaalchiin dhaamsa kooti.


