Har'a Manni Maree Ministirootaa gamaaggama raawwii dinagdee maakroo guyyaa 100 kan bara 2018 Piroojektii Madda Humna Elektriikii Koyishaa daawwachuun jalqabneerra. Piroojektichi daawwannaa isa yeroo darbe taasifneen booda guddinni hojii safaramu irraa mul'ateera. Olka'insi hidhichaa meetira 128 kan gahe yoo ta'u hojiin siiviliisaa waliigalaa dhibbeentaa 70 gaheera. Milkaa'inni kun wabii anniisaa keenya mirkaneessuuf tattaaffii cimaa walirraa hin cinne goonuuf ragaadha.
Today, we begin the Council of Ministers’ macroeconomic evaluation for the first 100-days of the Ethiopian calendar year 2018 with a visit to the Koysha Hydroelectric Power Project. Since my last review, the project has shown remarkable progress, now standing 128 meters high and reaching 70% completion of civil works. This milestone stands as a testament to our continued commitment to achieving energy security.
