••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
●𝐌𝐀𝐑𝐊𝐀𝐙𝐀 𝐌𝐔'𝐀𝐀𝐙 𝐁𝐈𝐍𝐔 𝐉𝐀𝐁𝐀𝐋●
1⃣🔺★⇨Allaah⇦ jechuun goofta ibaadaa hunda haqa godhatu.
2⃣🔺★⇨Arrahmaan⇦Jechuun duniyaarratti kan hundafuu rahmata godhu.
3⃣🔺★⇨Arrahiim⇦jechuun akkuma duniyaarratti karaa haqaatti isaan qajeelchee Aakhirattis mu'umintoota qofaaf kan Rahmata godhu.
4⃣🔺★⇨Al Afuwwu jechuun irra dabraa gabrichi tokko akka adabamuu qabu osoo beekuu kan dhiiseefii irra darbuuf jechuudha.
5⃣🔺★⇨Al Ghafuuru ⇦jechuun Araaramaa kan badii namarratti osoo beekuu nama hin saaxilin.
6⃣🔺★⇨Al Ghaffaaru ⇦jechuun kan osoo gabrichi akkaan balleessuu inni ammoo akkaan Araaramuuf jechuudha.
7⃣🔺★⇨Arra'uufu⇦ jechuun Abbaa Rahmata guddaa kan uumama isaa hundaaf Rahmata oolu.
8⃣🔺★⇨Al Haliimu⇦ jechuun Akkaan obsaa kan nama adabuutti hin ariifanne jechuudha.
9⃣🔺★⇨Attawwaabu⇦Jechuun dhiifama godhaa kan gabroottan isaa akka dhiifama isaa kadhatan taasisu.
🔟🔺★⇨Assattaaru⇦jechuun haguugaa kan gabricha isaa hin saaxillee fi kan gabrichi isaa akka of hin saaxille barbaadu.
1⃣1⃣🔺★⇨Al Ghaniyyu⇦jechuun dureessa kan uumama isaatti tasuma hin dhimmamne.
1⃣2⃣🔺★⇨Al Kariimu⇦jechuun Arjaa kan kenni isaa hedduu Abbaa fedheef waan fedhe kadhaanis ta'ee kadhaan maletti kan kennu.
1⃣3⃣🔺★⇨Al'akramu⇦ jechuun akkaan arjaa kennuu keessatti kan bikka ga'e.
1⃣4⃣🔺★⇨Alwahhaabu⇦Jechuun irra badhaasaa (qananiisaa dugda baasuun maletti kan kennuufi sababaa malee kan arjoomu.
1⃣5⃣🔺★⇨Aljawwaadu⇦jechuun irra arjaa kan kenni isaa baay'achuu keessatti hammana hin jedhamne.
1⃣6⃣🔺★⇨Alwaduudu⇦Jechuun jaallatamaa kan gabroottan isaa gaggaarii jaallatee namas jaalachiise isaan gammachiisu.
1⃣7⃣🔺★⇨Almu'uxii⇦Jechuun kennaa kan uumama isaa keessaa Abbaa fedheef waan fedhe kennu.
1⃣8⃣🔺★⇨Alwaasi'u ⇦jechuun Abbaa bal'inaa kan guddinni isaa mootummaan isaatiifi Rahmatni isaa bal'aa ta'e.
1⃣9⃣🔺★⇨Almuhsinu⇦ jechuun tola oolaa kan ofii isaatii fi haalli isaa hundi guutuu fi gaarii ta'e.
2⃣0⃣🔺★⇨Arraaziqu⇦jechuun kennaa Rizqii kan uumama hundaaf rizqii qoodee akka isaaniif malutti kennuuf.
2⃣1⃣🔺★⇨Arrazzaaqu⇦Jechuun akkaan hiraa kan osoo isaan itti balleessanii waan isaan barbaachisu kennuuf.
2⃣2⃣🔺★⇨Allaxiifu⇦Jechuun hunda beekaa kan waan dhokataa hunda beekuu fi kan wanni takka jalaa hin dhokanne.
2⃣3⃣🔺★⇨Alkhabiiru⇦Jechuun keessa beekaa kan beekkumsi isaa waa hunda marsee jiruu.
2⃣4⃣🔺★⇨Alfattaahu⇦Jechuun kan banu / injifachiisu kan dilbii qabeenya isaa abbaa fedhee banee mootummaas ta'e qabeenya harka Abbaa fedhee kaahu.
2⃣5⃣🔺★⇨Al'aliimu⇦jechuun irra beekaa kan keessaa fi duuba waa hunda waan darbee fi waan ammaa tan fuuldura dhuftu kan beeku.
2⃣6⃣🔺★⇨Albarru⇦Jechuun akkaan tola oolaa qananiin isaa lakkoofsa hin qabnee fi kan wareegni isaa dhugaa ta'e.
2⃣7⃣🔺★⇨Alhakiimu⇦jechuun beekaa murtii kan waan hunda bakka isaaf maluu kaahu.
2⃣8⃣🔺★⇨Al hakamu⇦Jechuun haqa murteessaa kan haqaan murteessuu fi akka namni ittiin murteeffatuuf jecha kitaaba haqaa buuse.
2⃣9⃣🔺★⇨Ashaakiru⇦Jechuun galateeffataa nama isa galatoomfatu kan faarsuu fi waan xiqqoo hojjetan kan namaa qeebalu.
3⃣0⃣🔺★⇨Ashakuuru⇦Jechuun galateeffamaa kan hojii gabricha isaa baay'iseefi mindaa isaa dabaluuf.
3⃣1⃣🔺★⇨Aljamiilu⇦jechuun miidhagaa innis maqaan isaatiifi haalli isaa bareedaa kan ta'e.
3⃣2⃣🔺★⇨Almajiidu⇦Jechuun ulfaataa samii keessattis dachiirratti kan kabajamuuf ol ta'iinsi kan isaaf malu.
3⃣3⃣🔺★⇨Alwaliyyu⇦jechuun jaalallee hunda kan dhimma gabricha isaa rawwateefi gargaaru.
3⃣4⃣🔺★⇨Alhamiidu⇦Jechuun galatoomfatamaa kan maqaa isaatiinis ta'ee, haala isaa akkasumas hojii isaarratti galatoomfatamaa kan ta'e.
3⃣5⃣🔺★⇨Almawlaa⇦Jechuun jaalallee /gargaaraa gooftaa mootii akkasumas kan gabroottan isaa gargaaru.
3⃣6⃣🔺★⇨Annasiiru⇦jechuun tumsaa kan nama inni tumseef wanti moo'atu hin jirre.
3⃣7⃣🔺★⇨Assamii'u⇦Jechuun dhaga'aa ykn dhagahaa iccitiis ta'ee sagaleen kamiyyuu kan isa jalaa hin dhokanne.
3⃣8⃣🔺★⇨Albasiiru⇦jechuun argaa kan argaan isaa waan hunda wal ga'ee fi waa tokkolleen isa jalaa dhokachuu hin dandeenye.
3⃣9⃣🔺★⇨Ashahiidu⇦Jechuun hordofaa/ Ragaa kan uumama isaa to'atuu fi tokkichummaa isaa akkasumas haqaan murteessuurratti kan ragaa ofii bahee warra itti amaneef ragaa bahuu.
4⃣0⃣🔺★⇨Arraqiibu⇦jechuun hordofaa hunda kan haala hunda gabrootaa kan to'atu.
4⃣1⃣🔺★⇨Arrafiiqu⇦Jechuun gara laafaa suuta jechuu kan jaallatuu fi kan gabroottan isaatti laaffisuu jaallatu.
4⃣2⃣🔺★⇨Al qariibu⇦Jechuun dhihoo hunda arshii isaarra jiraachuu wajjiin beekkumsa isaatiifi dandeeytii isaatiin uumama isaatti dhihoo kan ta'e.
4⃣3⃣🔺★⇨Al mujiibu⇦Jechuun owwaataa kan nama isa kadhateef kadhaa isaa dhagaheefii waan fedhii isaanii kennuuf.
4⃣4⃣🔺★⇨Almuqiitu⇦Jechuun uumaa fi Raabsaa yeroo fi soorataa.
4⃣5⃣🔺★⇨Alhasiibu⇦Jechuun akkaan herreegaa kan waan gabrootti isaa barbaadan guutee waan isaan duniyaatti hojjetan Aakhiratti isaaniif kennu.
4⃣6⃣🔺★⇨Al mu'uminu⇦Jechuun dhugoomsaa kan ergamtoota isaatii ragaa bahee dhugoomsuufi kan duniyaattis ta'ee Aakhiratti nagaya buusu.
4⃣7⃣🔺★⇨Axxayyibu ⇦jechuun gaarii kan hir'dhu ykn hirruu hundarraa qulqulluu ta'ee fi kan waan gaarii hundaan guutuu ta'e.
4⃣8⃣🔺★⇨Al mannaanu⇦Jechuun badhaasaa kan tolli isaa guddaa kan qananiin isaa bal'aa kan kenni isaa baay'ee.
4⃣9⃣🔺★⇨Ashaafii⇦Jechuun fayyisaa dhukkuba qalbiis ta'ee kan qaamaa kan fayyisu.
5⃣0⃣🔺★⇨Al hafiizu⇦Jechuun tiksaa kan gabroottan isaa eegu.
5⃣1⃣🔺★⇨Al wakiilu⇦Jechuun irkoo hundaa kan Addunyaan kun hundi uumuufi sirreesuu keessattis ta'ee waan hojjetaniifi waan barbaadan keessatti isatti hirkatan.
5⃣2⃣🔺★⇨Al khallaaqu⇦jechuun irra caalaa uumaa waa hundaa duras kan uumee fi gara fuul duraatti kan uumu.
5⃣3⃣🔺★⇨Al khaaliqu⇦Jechuun uumaa kan osoo wahirraa hin ilaalin jalqabee uume.
5⃣4⃣🔺★⇨Al baari'u⇦Jechuun haaraa argamsiisaa kan waan ofii uumee argamsiise kana ifatti baase.
5⃣5⃣🔺★⇨Al musawwiru⇦Jechuun suuraa fedhe irratti uumaa.
5⃣6⃣🔺★⇨Arrabbu⇦Jechuun guddisaa/
horataa waa hundaa.
5⃣7⃣🔺★⇨Al aziimu⇦Jechuun ulfaataa/
guddaa/kan maqaan isaas ta'ee innis kabajamaa ta'e.
5⃣8⃣🔺★⇨Al qaahiru⇦Jechuun injifataa kan wanti isa malee jiru hundi isaaf gadi jedhuu fi kan waa hundi isa jalatti bulu.
5⃣9⃣★⇨Al qahhaaru⇦Jechuun dirqisisaa ykn cacaabsaa.
6⃣0⃣🔺★⇨Al muheeyminu⇦jechuun Eegaa waa hundaa kan ta'eefi kan to'atu.
6⃣1⃣★⇨Al aziizu⇦Jechuun injifataa kan waa hunda injifatuufi kan wanti tokkolleen hayyama isaa malee hin sochoone.
6⃣2⃣🔺★⇨Al jabbaaru⇦Abbaa humna cimaa kan waan fedhe bakkaan gahuu danda'uu fi kan uumamni hundi isaaf gadi jedhuu fi kan waa hundi harka isaa kajeelu.
6⃣3⃣🔺★⇨Al mutakabbiru⇦jechuun boonaa kan hir'inaa fi waan isaan hin malle hundarraa akkasumas gabroottan miidhuu irraa kan ol ta'ee fi warra boonu gadi qabee kan xiqqeessu jechuudha.
6⃣4⃣🔺★⇨Al kabiiru⇦jechuun guddaa ofii isaatiifis ta'ee maqaa isaatiinis guddaa kan waa hunda caaluu fi wanti itti qixxaa'u kan hin jirre.
6⃣5⃣🔺★⇨Al hayiyyu⇦Jechuun saalfataa saalfii isaaf malu kan saalfatu nama isa kadhate kan harka duwwaa hin deebifne.
6⃣6⃣🔺★⇨Al hayyu⇦Jechuun jiraataa kan jireenyi isaa guutuu ta'ee fi asirraa jalqabee asitti dhuma hin qabne.
6⃣7⃣🔺★⇨Al qayyuumu⇦jechuun of ga'aa kan waan ofii gochuu barbaadu keessatti waan tokkotti hin haajomne kan wanti samii fi dachii keessa jiru ammoo kan isaatti haajoman.
6⃣8⃣🔺★⇨Al waarisu⇦Dhaalaa kan erga wanti hundumtuu dhumee inni qofti hafee wanti inni duniyaa kanarratti namatti kenne harka isaatti deebi'u.
6⃣9⃣🔺★⇨Addayyaanu⇦Jechuun kan jezaa deebisu kan uumamni hundi gara isaatti deebifamee mindaa waan isaan dalaganii yoo gaarii ta'e baay'isee yoo gadhe ykn badaa ta'e ammoo akkumsaanitti osoo waa itti hin daballe mindaa kennuuf ykn araaramuuf.
7⃣0⃣🔺★⇨Al maliku⇦Jechuun mootii kan ajajuu fi dhowwuun harka isaa jiru akkasumas waan uume akka barbaade gochuu kan danda'u duniyaas ta'ee Aakhiraanis kan mootummaa isaa jala jiru.
7⃣1⃣🔺★⇨Al maaliku ⇦jechuun mooti waa hundaa.
7⃣2⃣🔺★⇨Assubuuhu⇦jechuun hunda caalaa qulqulluu kan hir'ina hundarraa qulqullaa'e.
7⃣3⃣🔺★⇨Al qudduusu⇦Jechuun qulqulluu kara hundaan qulqulluu fi guutuu kan ta'e.
7⃣4⃣🔺★⇨Assalaamu⇦Jechuun naga qabeessa innis nagaadha maqaan isaas nagaadha hojiin isaas nagaadha nageenyi duniyaa fi aakhiratti argamus isumarraahi.
7⃣5⃣🔺★⇨Al haqqu⇦Jechuun dhugaa inni haqaan gabbaramaa ta'uu isaa keessatti tokkichummaa isaa keessatti dhugaadha.
7⃣6⃣🔺★⇨Al mubiinu⇦jechuun ifa baasaa inni ifa galaa waa'een isaa beekkamaa ta'ee kan waa hunda gabroottan isaatiif ifa galchuu.
7⃣7⃣🔺★⇨Al qawiyyu⇦Jechuun jabaa kan dandeeytii kana hin jedhamneefi fedhii guutuu ta'e qabu.
7⃣8⃣🔺★⇨Al matiinu⇦Jechuun daran cimaa kan dandeeytii cimaa qabuufi waan hojjetu keessatti rakkinni isa hin mudanne.
7⃣9⃣🔺★⇨Al qaadiru⇦jechuun hunda danda'aa kan wanti isaa dadhabsiisu hin jirree fi inni kan dandeeytii namaaf kennu.
8⃣0⃣🔺★⇨Al qadiiru⇦Jechuun danda'aa jechuudha.
8⃣1⃣🔺★⇨Al muqtadiru⇦jechuun Abbaa dandeeytii jechuudha.
8⃣2⃣🔺★⇨Al'aliyyu⇦jechuun hundaa ol kan ta'e dandeeytiidhaanis ta'e humnaanis waanuma hundaanuu kan hundaa ol ta'e jechuudha.
8⃣3⃣🔺★⇨Al'a'alaa⇦Jechuun ol aanaa jechuudha.
8⃣4⃣🔺★⇨Al muta'aalu⇦jechuun ol ta'aa kan olta'iinsa isaatiin wanti qixxaa'u hin jirre.
8⃣5⃣🔺★⇨Al muqaddimu⇦Jechuun duursaa kan uumama isaa keessaa akka isaaf malutti kan fedhe dura buusu jechuudha.
8⃣6⃣🔺★⇨Al mu'akhiru⇦jechuun tursiisaa kan waan fedhe dura buusee waan fedhe ammoo booda aansu akkasumas kan adaba isaanirra tursiisu jechuudha.
8⃣7⃣🔺★⇨Al musa'iru⇦Jechuun gatii kennaa gatii wantoota adda addaa kan dabalachiisuu fi kan hir'isiisu jechuudha.
8⃣8⃣🔺★⇨Al qaabidu⇦Jechuun qabaataa Rizqii kan rizqiis ta'e lubbuu ilmaan namaa of biratti qabu jechuudha.
8⃣9⃣🔺★⇨Al baasixu⇦Jechuun bal'isaa rizqii kan gabroottan isaa keessaa Abbaa barbaadeef rizqii bal'isu warri badii hojjetan ammoo akka gara isaa deebi'aniif harka isaa kan bal'isuuf jechuudha.
9⃣0⃣🔺★⇨Al awwalu⇦Jechuun isa duraa/jalqabaa isa duraa kan wanti tokkolleen hin jirre asirra jalqaba jechuun kan hin danda'amneedha jechuudha.
9⃣1⃣🔺★⇨Al aakhiru⇦Jechuun isa maayyii/boodaa kan isa booda wanti tokkoyyuu hin hafne wanti jiru hundi dhumee inni qoftiin kan hafu jechuudha akkasumas jireenyi isaa dhuma qaba kan hin jedhamne.
9⃣2⃣🔺★⇨Azzaahiru⇦Jechuun mul'ataa kara hundaan kan waan hundatti marsee jiruuf kan waan hunda of jalatti bulchu jechuudha.
9⃣3⃣🔺★⇨Al baaxinu⇦Jechuun dhokataa kan osoo uumamatti dhihaatee jiruu uumamni Adduniyaa kanarratti isa arguu hin dandeenye.
9⃣4⃣🔺★⇨Al witru⇦Jechuun qara inni tokkicha kan wanti itti qixxaa'u hin jirre.
9⃣5⃣🔺★⇨Assayyidu⇦Jechuun gooftaa hundaa inni gooftaa waa hundaati uumamni isaa hundi gabroottan isaati.
9⃣6⃣🔺★⇨Assamadu⇦Irkoo hundaa kan uumamni hundi itti haajomuufi kan isa kadhatanii dhimma isaanii itti dhiheeffatan.
9⃣7⃣🔺★⇨Al waahidu⇦jechuun tokkicha {kan waan gaariidhaan guutamuu keessatti tokkicha:} tokkichoome wanti isatti fakkaatu hin jiru akkuma wanti gabbaramuu haqa godhatu isa malee wanti tokko hin jirre jechuudha.
9⃣8⃣🔺★⇨Al'ahadu⇦ jechuun tokkichaa kan shariika hin qabne.
9⃣9⃣🔺★⇨Al'ilaahu⇦jechuun gabbaramaa kan dhugaadhaan gabbaramu isa malee hin jirree fi wanti isa malee jiru kamiyyuu gabbaramuu hin qabu jechuudha.
★★★★★★★★★★■■■■■■■■■
Maqaa Rabbii ((99)) kanaa sammuutti haffazuuf yaalaa ma'aana ykn hikkaa isaa waliin baarakallaahu fikuum!.
Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.
