UN muddama Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jiruuf maaltu fala jedha?Itoophiyaafi Ertiraa gidduu yeroo kamuu caalaa muddamni cimeera. Biyyoonni lamaan bara 2018 hariiroo tolfatanii michuu jabaa ta’anii turan.Yeroo waraana kaaba Itoophiyaa, Ertiraan mootummaa federaalaa bira gortee humnoota Tigraay lolaa turte.Ta’us, Waliigalteen Piritooriyaa akkasumas Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa dhiheessuun muddama uume.Adeemsa keessa wal himachaa, walitti dhaadachaa yoona gaheera.Itoophiyaan ulaa galaanatti ishee baasu karaa nagaan argachuuf dhiibbaa uumuu itti fufteetti.Ertiraan immoo gaaffii kanaan gammachuu hin qabdu qofa osoo hin taane sirrii akka hin taane hubatti.Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad paarlaamaatti dhihaachuun haasaa taasisaniin Ertiraa akeekkachiisaniiru.’Waraanni ka’uu danda’a’Bulchaan Itoophiyaa dhimma ulaa galaanaafi Ertiraaa waliin walqabatee paarlaamaatti dhihaachuun ibsa yeroo kennanitti ergaa dhaamaniiru.”Humni qabnu amansiisaadha, eenyuyyuu nu hin dhaabsisu,” jedhan waa’ee humna waraanaa Itoophiyaa yoo ibsan.Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun ishee ”waan hin hafne” waan ta’ef hawaasi idil-addunyaa akka ”jaarsummaan” furuufi ”furmaata akka fidu” gaafataniiru.Dhimma faayidaa biyyaalessaan walqabatee yeroo dubbatan ”Itoophiyaarratti badii guddaatu raawwate. Yoo xiqqaate kana dubbachuu nu hin dhowwatiinaa” jedhan.Itoophiyaan yeroo Ertiraan walabummaa gonfatte, akkaataan Itoophiyaan ulaa galaanaa malee hafte sirrii akka hin taane amanti.”Waraanni hin jiru jechuun sagaleen dhukaasaa hin dhagahamu jechuu miti,” kan jedhan MM Abiy ”haqni dhugaa yoo hin mirkanoofne yeroo kamuu waraanni uumamuu danda’a” jedhan.MM Abiy mootummaan isaanii dhimmi galaana Diimaa dhimma ”seeraa, seenaa, teessuma lafaafi diinagdee” jedhee akka amanu dubbatan.’Nu araarsaa’Akkaataan Itoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde ‘rakkoo seeraa’ akka qabu MM Abiy himaniiru.Murteen Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa akka dhabdu taasise kaabinee waqtii sana tureen kan hinmurtoofne ta’uu dubbatan.Dabalataan, murteen kun mana mareenis ta’e sagalee ummataan kan hin murtoofne akka ta’es kaasan.”Karaan (Galaana Diimaa) itti dhabne rakkoo seerummaa akka qabu kan agarsiisu dhaabbileen (murticha) keessa hin hirmaanne” jedhan.Dabalataan ulaa galaanaa “akkamiin akka dhabne kan agarsiisu waraqaa fuula tokkoyyuu hinarganne” jedhan.Dhimma Galaana Diimaa kanas bifa tasgabbaa’efi mariidhaan itti adeemuun barbaachisaadha jechuun himani.”Itoophiyaan qabsoo waggoota 30 ol fudhateen Galaana diimaa dhabde. Galaana Diimaa argachuuf garuu waggaa 30 ishee barbaachisa jedhee hin yaadu” jedhaniiru.UN maal jedha?Itoophiyaan yaaddoo ishee kana, kana dura xalayaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti barreessiteen beeksisteetti.Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos xalayaa Antooniwoo Gutareeziif barreessaniin Ertiraa himatan.Himannaa Itoophiyaa kana Ertiraan deebii kenniteen waakkatteetti.Mootummaan Itoophiyaa gartuun TPLF Dr Dabratsiyooniin hogganamu mootummaa Ertiraa waliin hariiroo uumullee himateera.Eegasii Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waa’ee dhimma kanaa yoo mari’ate jiraates ta’e ejjennoon isaa hin beekamu ture.Itoophiyaafi Ertiraa gidduu muddamni uumameeraHaa ta’u malee, manni marichaa dhimmicha akka hin mari’anne Pirezidantiin mana marichaa baatii Onkololeessaa, Vasily Nebenzya, miidiyaatti dubbataniiru.UN’tti ambaasaaddarri Raashiyaafi Pirezidantiin Mana Maree Nageenyaa UN turtii miidiyaa biyyaa keessaa Itoophiyaa, barruu The Reporter jedhamu waliin taasisaniin akkana jedhan.”Manni marichaa dhimma kana irratti gama kamiinuu hin mari’anne,” jedhan.Dippiloomatiin gameessi kuni ”dhimmi kuni lamaan gidduu [biyyoota lamaan] karaa nagaan osoo furamee gammachuu qabna.”Yoo gargaarsa fedhan, jaarsummaa, akkamii akka fedhan gaafachuun kan isaaniiti,” jechuun himani.Dippilomaatiin kuni biyyoonni lamaan osoo waliin rakkoo furanii gaarii ta’u dubbatani.”Haa ta’u malee, ammatti kuni akkamiin ta’a isa jedhu na dhiba. Hanga yoonaa miseensonni Mana Maree Nageenyaa gidduu akka seenan hin gaafanne.”Dura fedhiin jiraachuu qaba,” jechuun himani.Itoophiyaan waggaa dura erga muddamni biyyoota lamaan gidduu dhalate booda yeroo duraaf biyyoonni Lixaafi dhaabbileen jaarsummaan akka gidduu seenanii furan gaafatteetti.Ministirri Muummee Abiy waamicha dhiheessan kanaaf deebiin ammatti kenname yoo jiraate ifatti hin beekamu.Xiinxaltoonni naannicha hordofan biyyoota lamaan gidduu lolli ka’uu mala jechuun yaaddoo ibsaa akka jiran ni beekama