admin
Home  ⇒  admin - https://muhesofmar.com/cpanel
Itoophiyummaa fi gootummaan madda eenyummaa fi boonsa keenyaa addaan hin baane. Raayyaa Ittisa Federaalaa Adoolessa 18, 2018 Jalqaba irraa kaasee seenaa badhaadhaa fi ulfina qabeessa kan qabdu Itoophiyaan biyya gatii malee hin beekne taatee itti fufuuf wareegama lakkoofsa hin qabne kaffaltee jirti. Walabummaa fi hafuurri isaa kan hin to’atamne dhiiga dhangalaasuun mirkanaa’eera. Kabaja biyya keenyaaf gootonni dirree waraanaa keessatti lubbuu isaanii bakka hin buune kennaniiru. Haasawa baniinsaa marii paanaalii waggaa 4ffaa Korporeeshinii Gibee sababeeffachuun geggeeffameen Ajajaa Itti aanaan Korporeeshinii Deeggarsa Tajaajila Lolaa Koloneel Ayenew Abebeen Itiyoophiyummaan fi gootummaan madda eenyummaa fi boonsa keenyaa addaan hin baane ta’uu ibsaniiru. Nuti loltoonni waardiyaa biyyaalessaa bilisummaa fi kabaja Itoophiyaaf lubbuu keenya kennudha. Ummanni keenya nagaan akka bahee galuuf wareegama guddaa kaffallee jirra; qonnaan bulaan oomisha isaa sassaabuu akka danda’u; daldalaan daldalaa fi bu’aa argachuu akka danda’u; haadholiin yaaddoo malee jiraachuu akka danda’an. Kaayyoon guddaan Koreen Gibee waggaa 4ffaa, wareegama Koreen kun erga hundeeffamee kaasee kaffalaa ture irratti hubannoo waloo uumuu, akkasumas hoggantoonni fi miseensonni haaraan kutaa kana keessatti makamuun Korporeeshinii Gibee beekamtii kennuu, seenaa isaa kabajuu, kaayyoo mataa isaatiif gumaacha, gara fuulduraatti akka cimu jajjabeessuudha. Koloneel Ayenew Abebe itti fufuun Pirojektoonni misoomaa sadarkaa biyyaatti eegalaman akka hin gufanneef Koreen kun humnoota farra nagaa irratti tarkaanfii fudhachuuf yeroo hunda qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Gabaasaan Adem AliiSuuraa Abere Ayenau Weebsaayitii Raayyaa Ittisa Federaalaahttps://dfmc.mod.gov.et/ Afaan Oromoo fi Jechoota Dinqisiiso Afaan Oromoo. Raayyaa Ittisa Federaalaa YouTubehttps://youtube.com/@fdreefenseforce-9629?si=Av-sDKCopw1FfTW2 irratti kan argamu ta’uu ibsameera Raayyaa
“Cirrachi Kalee Maali? Maaltu Namatti Fida? Akkamitti Ofirraa Ittifna? Yaalli Isaa Hoo?”*********************************************Cirrachi kalee (renal stone/nephrolithiasis) kuufama albuudota garagaraa fi ashaboo asiidawaa ta’an kan fincaaniin qaama keenya keessaa bahu qaban irraa ijaarama. Albuudonni akka Kaalshiyeemii, Ookzaaleetii fi Yuurik aasidii fincaan keessatti baay’achuun, akkasumas wantoonni isaan akka hin ijaaramne ittisan xiqqaachuun, cirracha kalee uumuu danda’a. Cirrachi kun ujummoo fincaanii keessatti kalee hanga afuuffee fincaanii keessa taa’uu danda’a; kalee tokko qofaa ykn kalee lachuu irratti mul’achuu mala. Akaakuu cirracha kalee albuuda irraa ijaarame irratti hundaa’a. Sababni uumama cirracha kalee tokko qofa ta’uu dhabuus mala, garuu wantoonni akka bishaan gahaa dhuguu dhabuu, nyaata ashaboo fi pirootinii baay’ee qabu fayyadamuun, maatii dhihoo keessa namni dhukkuba kana qabu jiraachuun, tajaajila baqaqsanii yaaluu ykn dhukkuba garaacha fi mar’imaan miidhu, baasaan yeroo dheeraf namarra turuun, ulfaatinna guddaa qabaachuunii fi infeekshiinii ujummoo fincaanii carraa cirracha kalee uumamuu ni dabalu.Mallattooleen cirracha kalee yeroo tokko tokko ifa ta’uu dhabuus mala, garuu yoo cirrachi sun socho’e, mallattoolee akka dhukkubbiin cinaa ykn dugdaatti dhagahamu, gara qaama wolhormaata ykn garaa gara gadii dhukkubuu, fincaan gubuu, fincaan diimachuu, fincaan foolii ajayaa qabaachuu, lolloojjessuu fi haqqisiisuu, akkasumas hoo’i qaamaa dabaluun mul’achuu danda’u. Mallattoolee kana qabaachuun cirracha kalee qabaachuu agarsiisuu mala, garuu mallattoo tokko qofa irratti hunda’uun murteessuun hin danda’amu. Cirrachi kalee yeroo dheeraaf yoo qaama keessa ture, miidhaa akka infeekshiinii dhiiga guutuu, kaleen madooftee dalagaa dadhabuu fi faayidaa dhabuu fida.Cirracha kalee ofirraa Ittisuuf, guyyaa guyyaan bishaan litirii lamaa fi isaa ol dhuguun, nyaata ashaboo fi sukkara baay’ate irraa of qusachuun, ulfaatina hirdhisuu, qorannoo dhiigaa fi fincaanii akkasumas raajii fi altiraasawuudii dalagsiisuu barbaachisaa dha. Cirrachi baay’ee xiqqaa yoo ta’e, bishaan gahaa dhuguun ofumaan bahuu danda’a; yeroo inni bahuuf deemu dhukkubbiin yoo dhagahame, qoricha dhukkubbii wayyeessu (Antipain) fayyadamuun ni gorfama. Yaalli cirracha kalee hamma/hanga cirracha saniifi iddoo inni itti argamu, akkasumas mallatoo ykn rakkoo innii hordofsiisaa/fidaa jiru irratti hunda’uun caarallaa sagaleetiin ykn Opireeshinii garagaraatiin yaalamuu danda’a.*********************************************Ulfaadhaa! Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dahaa! ©️ Dr. Hamza Jemal Associate Professor of Surgery.
Oduu_Gammachiisaa‼️
Biyyi keenya Itiyoophiyaan xiyyaarota waraana sadarkaa addunyaatti teknoloojii hammayyaa kan…