Itoophiyummaa fi gootummaan madda eenyummaa fi boonsa keenyaa addaan hin baane. Raayyaa Ittisa Federaalaa Adoolessa 18, 2018 Jalqaba irraa kaasee seenaa badhaadhaa fi ulfina qabeessa kan qabdu Itoophiyaan biyya gatii malee hin beekne taatee itti fufuuf wareegama lakkoofsa hin qabne kaffaltee jirti. Walabummaa fi hafuurri isaa kan hin to’atamne dhiiga dhangalaasuun mirkanaa’eera. Kabaja biyya keenyaaf gootonni dirree waraanaa keessatti lubbuu isaanii bakka hin buune kennaniiru. Haasawa baniinsaa marii paanaalii waggaa 4ffaa Korporeeshinii Gibee sababeeffachuun geggeeffameen Ajajaa Itti aanaan Korporeeshinii Deeggarsa Tajaajila Lolaa Koloneel Ayenew Abebeen Itiyoophiyummaan fi gootummaan madda eenyummaa fi boonsa keenyaa addaan hin baane ta’uu ibsaniiru. Nuti loltoonni waardiyaa biyyaalessaa bilisummaa fi kabaja Itoophiyaaf lubbuu keenya kennudha. Ummanni keenya nagaan akka bahee galuuf wareegama guddaa kaffallee jirra; qonnaan bulaan oomisha isaa sassaabuu akka danda’u; daldalaan daldalaa fi bu’aa argachuu akka danda’u; haadholiin yaaddoo malee jiraachuu akka danda’an. Kaayyoon guddaan Koreen Gibee waggaa 4ffaa, wareegama Koreen kun erga hundeeffamee kaasee kaffalaa ture irratti hubannoo waloo uumuu, akkasumas hoggantoonni fi miseensonni haaraan kutaa kana keessatti makamuun Korporeeshinii Gibee beekamtii kennuu, seenaa isaa kabajuu, kaayyoo mataa isaatiif gumaacha, gara fuulduraatti akka cimu jajjabeessuudha. Koloneel Ayenew Abebe itti fufuun Pirojektoonni misoomaa sadarkaa biyyaatti eegalaman akka hin gufanneef Koreen kun humnoota farra nagaa irratti tarkaanfii fudhachuuf yeroo hunda qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Gabaasaan Adem AliiSuuraa Abere Ayenau Weebsaayitii Raayyaa Ittisa Federaalaahttps://dfmc.mod.gov.et/ Afaan Oromoo fi Jechoota Dinqisiiso Afaan Oromoo. Raayyaa Ittisa Federaalaa YouTubehttps://youtube.com/@fdreefenseforce-9629?si=Av-sDKCopw1FfTW2 irratti kan argamu ta’uu ibsameera Raayyaa
Home  ⇒  Uncategorized   ⇒   Itoophiyummaa fi gootummaan madda eenyummaa fi boonsa keenyaa addaan hin baane. Raayyaa Ittisa Federaalaa Adoolessa 18, 2018 Jalqaba irraa kaasee seenaa badhaadhaa fi ulfina qabeessa kan qabdu Itoophiyaan biyya gatii malee hin beekne taatee itti fufuuf wareegama lakkoofsa hin qabne kaffaltee jirti. Walabummaa fi hafuurri isaa kan hin to’atamne dhiiga dhangalaasuun mirkanaa’eera. Kabaja biyya keenyaaf gootonni dirree waraanaa keessatti lubbuu isaanii bakka hin buune kennaniiru. Haasawa baniinsaa marii paanaalii waggaa 4ffaa Korporeeshinii Gibee sababeeffachuun geggeeffameen Ajajaa Itti aanaan Korporeeshinii Deeggarsa Tajaajila Lolaa Koloneel Ayenew Abebeen Itiyoophiyummaan fi gootummaan madda eenyummaa fi boonsa keenyaa addaan hin baane ta’uu ibsaniiru. Nuti loltoonni waardiyaa biyyaalessaa bilisummaa fi kabaja Itoophiyaaf lubbuu keenya kennudha. Ummanni keenya nagaan akka bahee galuuf wareegama guddaa kaffallee jirra; qonnaan bulaan oomisha isaa sassaabuu akka danda’u; daldalaan daldalaa fi bu’aa argachuu akka danda’u; haadholiin yaaddoo malee jiraachuu akka danda’an. Kaayyoon guddaan Koreen Gibee waggaa 4ffaa, wareegama Koreen kun erga hundeeffamee kaasee kaffalaa ture irratti hubannoo waloo uumuu, akkasumas hoggantoonni fi miseensonni haaraan kutaa kana keessatti makamuun Korporeeshinii Gibee beekamtii kennuu, seenaa isaa kabajuu, kaayyoo mataa isaatiif gumaacha, gara fuulduraatti akka cimu jajjabeessuudha. Koloneel Ayenew Abebe itti fufuun Pirojektoonni misoomaa sadarkaa biyyaatti eegalaman akka hin gufanneef Koreen kun humnoota farra nagaa irratti tarkaanfii fudhachuuf yeroo hunda qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Gabaasaan Adem AliiSuuraa Abere Ayenau Weebsaayitii Raayyaa Ittisa Federaalaahttps://dfmc.mod.gov.et/ Afaan Oromoo fi Jechoota Dinqisiiso Afaan Oromoo. Raayyaa Ittisa Federaalaa YouTubehttps://youtube.com/@fdreefenseforce-9629?si=Av-sDKCopw1FfTW2 irratti kan argamu ta’uu ibsameera Raayyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *