November 2025
Home  ⇒  15 - https://muhesofmar.com/cpanel
Abaay jechuun guddaa jechuudha; laga hunda caalaa guddaa ta’e. Lagni Abbayyaa laga Abbayyaa isa guddaa yoo ta’u, ka’umsi isaa Itoophiyaa irraati. jechuunLagni guddichi kun lageen biyyattii keessaa dhibbeentaa 70 qaba. Lagni Abbayyaa waliigala dheerina kiiloo meetira 1,450 qaba. Dheerinni waliigalaa kana keessaa gara kiiloo meetira 800 gara biyya keessaatti yaa’a. Lagni Abbayyaa fiixee kibbaa haroo Taanaa irraa gara kaaba dhiha biyyattiitti yaa’ee gara Sudaan seenu, gammoojjii keessaa gara kiiloo meetira 400 kan yaa’u yoo ta’u, laga kana ce’uun rakkisaa waan ta’eef, riqicha malee biyyattii hafe waliin wal qunnamsiisuun rakkisaa ta’a. Sululawwan gara Haroo Taanaatti yaa’an jiraatanis, maddi xiqqaan Gesh Abay jedhamuun beekamu madda laga Abbayyaa akka ta’e amanama. Lagni Abaay “Black Nile” ykn “Blue Nile” jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, naannoo Itoophiyaa keessa darbee gara Sudaan seenee, achitti laga isaa kan White Nile jedhamutti makamee magaalaa Kaartuum keessatti walitti makamee, achiis maqaa Abbayyaa jedhuun gara galaana Meditiraaniyaaniitti duwwaa ta’a.Jalqaba ijaarsa riqicha Itoophiyaa duubatti deebi’ee yoo ilaalle, riqichi dhagaa jalqabaa Dh.K.D jaarraa 16ffaa keessa laga Abaay ce’ee, bishaan kuufamaa Abaay bira darbee qofa ijaarame. Kunis riqicha hanqaaquu jalqabaa laga Abaay irratti bara 1612 Dh.K.D bara Emperor Suseniyoos ijaarame jedhama. Yeroo teknooloojiin akka har’aa hin guddannetti seenaa ijaarsa riqicha Itiyoophiyaa keessatti bakka olaanaa kan kennameef riqicha ammallee riqicha hanqaaquu jedhamu, hanqaaquu akka simintootti fayyadamuun ijaarameedha. Riqichi Hanqaaquu waggoota 400 dura ijaarame kun riqicha 8-arch ykn arch bridge afaan Ingiliffaatiin. Itiyoophiyaan riqicha kumaatamaan laggeen irratti ijaartee jirti.Kanneen keessaa riqichi laga Abbayyaa guddicha irra jiru caqafama. Lagni Abbayyaa gara km 800 kan yaa’u biyya dhaloota isaa Itoophiyaa keessatti yoo ta’u, jaarraa 17ffaa irraa kaasee hanga yeroo dhiyootti riqichi gara 10 ta’u bakka adda addaatti ijaaramee laga Abbayyaa qaxxaamuraa ture.Gammoojjii Abbayyaa: Riqicha Laga AbbayyaaGoha Tsion irraa hanga Dejen bakka riqichi Abbayyaa jirutti kiiloo meetira 40 kan dheeratu yoo ta’u, baasii birrii miiliyoona 320n kan xumurame yoo ta’u, riqichi Abbayyaa Roobii, 5th of Pagumen, 2000 eebbifameera.Riqichi Abaay riqicha durii Xaaliyaanonni ijaaran bakka bu’ee birrii miliyoona 128 (pirojektii waliigalaa keessaa dhibbeentaa 40) kan baase yoo ta’u, guutummaan guutuutti mootummaa Jaappaaniin kan deeggarameedha. Injiinarroonni fi ijaarsitoonnis lammii Jaappaan.Riqichi kun dheerinni isaa meetira 300, bal’inni isaa meetira sagal yoo ta’u, dandeettii fe’umsaa meetiriik toonii 300 qaba.Kutaan gubbaa riqicha kanaa keebilii cimaa irraa kan hojjetame yoo ta’u, yoo sirnaan kunuunfame jaarraa tokkoof ni tura jedhamee eegama. Riqichi haaraan kun konkolaataa lama wal cinaa fe’uu danda’a. Riqichi Abaay durii konkolaataa tokko qofa baachuu danda’a.Duraan finfinnee irraa gara Dejenitti konkolaataan deemuun sa’aatii 10 kan fudhatu yoo ta’u, yeroo riqichi fi daandiin guutummaan guutuutti xumuramu garuu sa’aatii 4tti gadi buusa.
🌿 MALLATTOOLEE HIR’INNA DHIIGAA 🌿1️⃣ Lafti namaan maruu 🌍2️⃣ Gurri namatti woccuu ykn iyyuu 👂3️⃣ Nama dadhabsisuu 😴4️⃣ Feedhiin nyaataa xiqqaachuu 🍽️5️⃣ Bowwoo (hammamtii bifa jabaa hinqabne) 💩6️⃣ Ijji namatti dimimmisuu 👀💪 NYAATA HIR’INA DHIIGAA DHOORKUUF GARGAARAN 💪—🍗 1. Harma Lukkuu:Foon lukkuu albuuda aayiranii olaanaa of keessaa waan qabuuf, hanqina dhiigaa yaaluu fi nurraa qolachuurratti gahee olaanaa qaba.🥜 2. Loowzii:Loowziin dhaangaalee nyaataatiin badhaatu waan taateef, hir’ina dhiigaa to’achuuf gahee olaanaa qabdi.🥩 3. Foon Diimaa:Foon diimaa (fooni loonii ykn hoolaa) aayiranii baay’ee qaba.Erga foon nyaannee, albuudni aayiranii sirritti akka xuuxamuuf timaatima 🍅, loomii 🍊, burtukaana 🍋, qaaraa 🌶️ wajjin nyaachuun baay’ee bu’a qabeessa.🥑 4. Avokaaddoo:Avokaaddoon dhiiga fooyyessuuf fi dhiiga keessatti aayiranii sirnaan fayyadamuuf gargaara.🥬 5. Dubbaa ykn Dabaaqula (Spinach):Baay’ee aayiranii fi folate qaba; dhiiga keessatti unkaa sirrii uumuu ni gargaara.🌾 6. Misira:Misiraan albuuda aayiranii fi proteeniin badhaatu; dhiigaan akka dabaluu ni gargaara.🥕 7. Kaarootii:Vitamin A fi C qabu; dhiiga keessatti unkaa erythrocyte fooyyessa.🌿 8. Salaaxaa, Baaqeelaa, Bishingaa fi kkf:Kunis gosa nyaataa aayiranii fi vitamin C of keessaa qaban waan ta’eef, dhiiga haaraa uumuu fi hir’inna dhiigaa ittisuuf ni gargaara.❤️‍🔥 👉 Nyaata madaalawaa fi mi’aawaa nyaachuun, bishaan gahaa dhuguun, fi boqonnaa argachuun dhiiga kee tiksa!
WAA’EE QORICHA DOXYCYCLINE 100MG^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^1️⃣.Qorichi Doxycycline maali?✍Doxycycline ~ jechuun qoricha garee farra baakteeriyaa tetracycline ta’ee jarmiilee ijaan hin mul’annee kan akka baakteeriyaa akka hin guddannee fi hin baay’annee ittisuun inifeekshinii sababa bakteeriyaatiin dhufan yaaluuf gargaara. 2️⃣.Qoricha Doxycycline maalif fayyadamna? * Finniisa. * Inifeekshinii ujummoo fincaanii. * Inifeekshinii ujummoo qilleensaa. * Inifeekshinii ijaa. * Inifeekshinii cophxoo. * Dhibee gogaa muraasa. * Inifeekshinii fanxoo. * Inifeekshinii dhibee busaa ittisuu fi kkf yaaluuf gargaara. 3️⃣.Qoricha Doxycycline fudhachuun durati maali godhuu qabna?✍ Namoonni alarjii qoricha Doxycycline ykn qorichoota garee tetracycline kan akka demeclocycline,tetracycline, tigecycline fi kkf qabu qoricha kana fayyadamuu hin qabuu. ✍ Namoonni haalota akka dhibee tiruu,kalee, asmii ykn alarjii qoricha sulfite,dhiibbaa sammuu keessaa,fi kkf qabu ogeessa fayyaatiif himu malee qoricha doxycycline fayyadamuu hin qabuu.✍ Namoonni qorichoota biroo kan akka isotretinoin,qorichoota gaggabdoo, warfarin fi kkf fayyadamaa jiru ogeessa fayyaatiif himu malee qoricha doxycycline fayyadamuu hin qabuu.✍ Namoonni qoricha doxycycline fudhachaa jiru qorichoota biroo kan elementoota aayiranii fi kaalsiyeemii of keessaa qabu,multivitaminii,farra asiidii fi kkf yeroo wal-fakkaataa keessa fayyadamuu hin qabnu yoo xiqqaate sa’atii 2 qoricha kana dursinee ykn booda aansinee fudhachuu qabna.✍Qoricha doxcycyline erga fudhannee booda aduun salphati nu gubuu danda’a wan ta’eef uffata aduu sirriti ittisu uffannuu malee ifa aduu keessati mul’achuu hin qabnu.✍ Dubartiin ulfaa qoricha kana fayyadamuun ilkaan fi guddina lafee daa’immanii irrati miidhaa geessisu mala wan ta’eef qoricha kana fayyadamuu hin qabduu. ✍ Haati hoosiftu qorichi kun gara harma haadhaatiin gara daa’imaa taruu danda’a waan ta’eef qoricha kana fayyadamuu hin qabduu. ✍ Dubartiin qorichoota ulfa ittisan fayyadamaa jirtu ogeessa fayyaatiif himtu malee qoricha doxycycline fayyadamuu hin qabduu ulfa ittisuu keessati bu’aa isa gadi buusuu danda’aa waan ta’eef. ✍ Daa’immanii waggaa 8 gadii qoricha kana fayyadamuu hin qabanii yoo inifeekshiniichi lubbuu galaafataa sodaatamee filannani biraa dhabame qofa malee. ✍ Qoricha kana iddoo hoo’aa,jiidhaa fi ifa aduu qabu irraa fageeysinee tempireechara dareetti kuusuu qabna.4️⃣.Qoricha Doxycycline akkamiti fudhachuu qabnaa?✍ Akkaatuma ogeessi fayyaa ajajeti sirriti hubannee fayyadamuu qabna.✍ Qoricha kana doosii guddisnee ykn xiqqeeysinee yeroo hamma fudhachuu qabuu oli fayyadamuu hin qabnuu. ✍ Qoricha doxycycline kaapsuulii ykn kiniinii isaa bishaan baay’ee waliin fudhachuu qabna. ✍ Qoricha kana nyaata ykn aannani waliin fudhachuu qabnaa. ✍ Qoricha kana osoo hin caccabsiin ykn hin alanfatini guutuu isaa liqimsuu qabna.✍ Qoricha kana guyyaati yeroo 1 ykn 2 haala inifeekshinichaa irrati hundoynee fudhachuu ni dandeenya. ✍ Qoricha kana dhibee busaa ittisuuf yoo fayyadamnee qoricha kana guyyaa 1 ykn 2 dursinee osoo iddoo busaan jiru hin ga’in jalqabnee hamma iddoo san jirru guyyaa hunda fudhannee ergaa iddoo sanii deemnellee yoo xiqqaate hamma torbee 4 qoricha kana fudhachuu qabna.✍ Qoricha kana yoo afaaniin fudhachuu dadhabne qofa gara maashaatiin ykn hidda dhiigaatiin fudhachuu qabna.✍ Qoricha doxycycline erga fudhachuu jalqabnee booda yeroo hamma fudhatamuu qabu hanga xumurruu mallattoo Inifeekshiniichaa fooyya’insa ofirrati arginani jidduun dhaabuu hin qabnu inifeekshiniichii qorichaan wal- baree wan cimuu danda’uuf.✍ Qoricha kana yeroon isaa darbee jira tanani gatuu qabna yoo fayyadamnee kalee keenya balleessuu danda’aa. 5️⃣.Qorichi Doxycycline miidhaalee akkamii fiduu mala/danda’aa? * Haqqisuu/Lolloocuu. * Gubaa garaachaa. * Fedhii nyaataa dhabuu. * Garaan yaasuu . * Gogaan diddiimatee nyaachuu. * Halluun gogaa gurraacha’uu. * Qaamni saala dubartii nyaachuu ykn dhangala’oo dhangalaasuu. * Halluun ilkaanii baduu. * Dhukkubbii garaachaa. * Garaa kaasaa bishaan ykn dhiiga of keessaa qabu yaasuu. * Laagaan nyanyaachuu fi liqimsuuf rakkachuu. * Qomti dhukkubuun onneen Sirnaan dha’achuu dadhabuun harganuuf rakkachuu. * Fincaani dhabuu ykn xiqquma finca’uu. * Seeliin dhiiga adii hir’achuu ,tempireecharri qaamaa dabaluu, hoollachuu,qaamni dhukkubuu, dadhabuu fi dhiiguu. * Dhukkubbii mataa cimaa, sirriti arguu dadhabuu fi ija cinaani dhukkubuu. * Onneen sardaan dhahachuu,fincaanii gurraacha’uu halluun ijaa fi gogaa keelloo ta’uu fi rakkooleen kkf mul’achuu fa’adha. ✍Kanaafuu yeroo mallatoolee armaan olii kana ofirrati arginee qoricha kana yeruma san fayyadamuu dhaabnee gara mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabnaa.Fayyaa ta’aa. Horaa bulaa.🥰🥰🥰✍️
WAA’EE QORICHA METRONIDAZOLE ^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^1️⃣.Qorichi Metronidazole maali?✍Metronidazole~jechuun qoricha garee nitroimidazole jedhamu ta’ee kan inifeekshinii sababa maxxantuu pirootoozawaa fi bakteeriyaa muraasaan dhufan yaaluuf gargaaruudha.2️⃣.Qoricha Metronidazole maalif fayyadamna? * inifeekshinii ilkaanii. * Inifeekshinii tiruu. * Inifeekshinii gogaa. * Inifeekshinii onnee. * Inifeekshinii lafee. * Inifeekshinii sombaa. * Inifeekshinii cabsannaalee qaamaa. * Infeekshinii pirootoozowaa Ameebaa . * Inifeekshinii ujummoo garaachaa fi mar’iimaanii wal-qabsiistuu. * Inifeekshinii sammuu fi spinal kordii. * Inifeekshinii dhukkuboota wal-qunnamtii saalaa ofi eeggannoo hin qabnen daddarbu muraasa. * Inifeekshinii qaama wal-hormaata Dubartii ga’eettii(bacterial vaginosis) kan bakteeriyaan dhufan fi kkf wal’aanuuf gargaara. 3️⃣.Qoricha Metronidazole fudhachuun durati maali godhuu qabna?✍Namoonni alarjii qoricha metronidazole,Tinidazole ykn Secnidazole qabu qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.✍ Namoonni guyyoota 14 darban keessati Alkoolii dhuganii, kan soorata ykn qoricha propylene glycol of keessaa qabu,disulfirami fi kkf fayyadamanii turan qoricha Metronidazole fayyadamuu hin qabani. ✍Namoonni haalota armaan gadii kan akka ……. * Dhibee tiruu. * Dhibee kalee. * Rakkoo dhahannaa onnee. * Hanqina seelii dhiiga diimaa ykn dhiiga adii qabu. * Rakkoo fayyaa sammuu fi narvii kan akka gaggabdoo, dhukkubbii mataa fi kkf qaban. * Namoonni inifeekshinii fangasii qaamarraa qabu. * Namoonni rakkoo dhiigaa qabaachaa turan. * Namoonni qorichoota akka warfarin,lithium,busulfan,cimetidine ,Phenytoin fi phenobarbital jedhaman fudhatanii turan fi haalota kkf qaban qoricha Metronidazole fayyadamuun durati ogeessa fayyaa beeksisan malee qoricha kana fayyadamuu hin qabanii.✍Dubartiin ulfaa ykn dubartiin ulfaa’uuf karoora qabdu keessaa’uu ji’oota 3 jalqabaa yeroo ulfaa ogeessa fayyaa gaafatu malee fayyadamuu hin qabduu. ✍Dubartiin daa’imaa ishee hoosisaa jirtuu ykn hoosisuuf karoora qabdu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana fayyadamuu hin qabduu. 4️⃣.Qoricha Metronidazole akkamiti fudhachuu qabnaa?✍ Akkaatuma ogeessi fayyaa ajajeti sirriti hubannee fayyadamuu qabna.✍Qoricha Metronidazole nyaata waliin ykn nyaataan maleesi fayyadamuu ni dandeenya. ✍Qorichi kun bifa dhangala’ootiin(suspension) yoo jiraate sirriti raafnee safarree akka ogeessi fayyaa ajajeti fudhachuu qabna.✍Qorichi kun bifa kiniiniitiin yoo jiraate osoo hin alanfatini ykn hin caccabsiin guutuu isaa bishaan waliin liqimsuu qabna.✍Qoricha Metronidazole namoota ga’eessaaf guyyaati ykn sa’atii 24 keessati garaagarummaa sa’atii 8 tiin (500mg~750mg) yeroo sadi haala dhibichaa irrati hundoynee guyyaa (5~10) tiif fudhachuu ni dandeenya.✍Qoricha Metronidazole Ijoolleef sa’atii 24 keessati garaagarummaa sa’atii 8 tiin (35mg/1kg ~50mg/kg) yeroo sadi haala dhibichaa irrati hundoynee guyyaa (5~10) tiif fudhachuu ni dandeenya. ✍Qoricha Metronidazole warri afaaniin fudhachuu hin dandeenye ogeessa fayyaatiin gara hidda dhiigaatiin fudhachuu ni danda’a. ✍Namoota rakkoo tiruu qabaniif doosii qoricha kana 50% hir’isnee kennuufu qabna. ‘✍Qoricha metronidazole ergaa jalqabnee booda yeroo hanga fudhatamuu qabu hanga xumurruu mallatoo dhibichaa fooyya’insa ofirrati arginani jidduun dhaabuu hin qabnuu dhukkubichii qorichaan wal- baree wan cimuu danda’uuf.✍ Qoricha kana namoota biroo kan mallatoolee dhibee keenyaan wal-fakkaatu yoo jiraatellee qoricha kana waliin fayyadamuu hin qabnu.5️⃣.Qorichi metronidazole miidhaalee akkamii fiduu danda’aa?✍Sababa qoricha kanaatiin Rakkooleen mul’achuu malan kan akka .. * Garaa kaasaa. * Lolloocuu. * Dhukkubbii mataa. * Dhukkubbii garaa. * Haqqisuu. * Ufaatinaa qaamaa hir’isuu. * Goggoginsa garaa. * Rakkoolee sirna narvii kan akka rakkoo sammuun Sirnaan hojjachuu dadhabuu,inifilaameeshinii memibireenii sammuu fi spinal koordii, dhukkubbii harkaa fi miilaa fi gaggabdoo fa’an mul’achuu. * Namoota inifeekshinii fangasii osoo qabanii Qoricha kana fayyadaman dhibichii itti cimuu. * Seeliin dhiiga adii namoota rakkoo dhiigaa qabaachaa turanii hir’achuu fi kkf mul’achuu fa’adha ✍Kanaafuu yeroo mallatoolee armaan olii kana ofirrati arginee qoricha kana yeruma san fayyadamuu dhaabnee gara mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna…✍️Dr. NaafYaad Geetuu
Ani Nama siyaasaatii miti. jaarsoonis Qaaman Wal hin beeynu, Jaarsoo jechuun Qabsaa’aa, Hayyuu fi Bulchiinsa Cimaadha!. Duulli arrabsoo fi fakkeessuu dhiheenya kana Karaa social media kanaan irratti gaggeeffamaa jiru isa bakka hin bu’u.👉Ummanni Baalee bahaa Ummata kabaja guddaa isaanif Qabu,Kan Wal dhagahuu fi Tokkummaa qabuudha! Ummata Yoo bishaan Gaafatan Aannan Namaaf kennudha. Ummata Ummanni Baalee bahaa Aadaa, safuu fi Duudhaa Amantii Isaa Ummata kabajuudha. Ummata xiqqaa, Guddaa, Aalima, Aaqila, jedhee addaan nama hin Qoonne Kan Qixa Tokkoon nama ilaaluu fi beektota Isaa fi Hooggansa isaaniitifis kabaja qabuudha! Jaarson Bara Wayyaanee keessattis Nama Qabsoo Ummata kanaa itti hidhamee itti miidhamee Saba kanaaf mormaa tureedha! hanga Sadarkaa University keessaa qabamee hidhamuutti Nama gaheedha Nama baratee siyaasan biyya hooggane qofa Osoo Hin Taane gootummaanis Nama beekamu Kan Hidhatee daangaa sumaalee irratti Nama lolaa tureedha. Hoogganaa Bilchina qabuudha! Nama hubataadha, Hardha Duuriyyeen takkaa guyyaa takka Saba kanaaf bu’aa buusin isa arrabsuu hin Dandeettu. Ilaa mee Yaa Nama Koo sareen haga feete waccus Leenci deemsa Isaa hin Dhiisuu kana Beeki.Gaafii fi komiin Dhimma Bishaanin Wal Qabatee Ka’uu Gaafii sirriidha Rakkoon bishaan dhugaatii Magaalaa Gindhiiri fi naanawa ishee Rakkoo Bara dheerati Bishaan Amma magaalan Fayyadamaa jirtu bishaan Baayyinni Ummata Magaalaa Sadarkaa Ammaa kanarra yeroo hin geenye San Kan hojjatamee Dha, Akka an yaadutti, Kanaaf Rakkoo Bishaan Dhugaatii magaalichaa furuuf yaalin garagaraa Bara Bulchiinsa Jaarsoo qofa Osoo hin Taane Gaafa Baaleen Bahaa tun Baalee Lixaa/Roobe jala jirtu irraa yaalamaa turee Jiraa, Ammas yaalamaa Jira kun Gaafii sirriidha Hawaasni obsaan eeggachuu qaba. Mootummaanis Dhimma kana irratti hojjachaa Jira. Wanti Hunduu Adeemsa keessa sirraaha malee ammumatti Kan ta’u hin jiru Bara Darbe keessa projektiiwwan Guguddoo baajata Mootummaatinis Ta’ee Deeggaraa ummataatin Hojjatamaa Turan baayyee Dha Sunis Gaafiilee Hawaasaa yeroo dheeraa turee Kan deebii argatee Jira.. Kan hafes Adeemsan Kan itti deemamaa jiru waan ta’eef Obsuun barbaachisadha! Kanarraa Kan hafe Garuu Nama guddaa, maqaa Hooggansaa xerreessun Nama Gosaa fi gandaan Arrabsuun jechoonni Akka Baaleef booranni Nama Garagaraa Ta’etti deemamaa jiru sirrii hin ta’u, kun Hawaasa keenya birattis baratamuu hin qabuu, Duuriyyee maqaa Hooggansaa balleessitu Kan Gandaa fi gosaan oromoo adda qooduf yaaltu Dura dhaabachuu qabnaan dhaamsa kooti Horaa Bulaa.Yaada keessan…….👇Barreessan Obboleessa Keenya Ibroo Isaaq ✍️
👉Biyyoota Afrikaa Ulaa Galaana Hin Qabne⛵️🚤Biyyootni Afrikaan ulaa galaanaa mataa isaanii hin qabne16 ta’u. Ugaandaa 🇺🇬 Itiyoophiyaa 🇪🇹 Bootiswaanaa 🇧🇼 Burkina Faasoo 🇧🇫 Burundii 🇧🇮 Central African Republic 🇨🇫 Chaad 🇹🇩 Leesetoo 🇱🇸 Maalawii 🇲🇼 Maalii 🇲🇱 Niijer 🇳🇪 Ruwaandaa 🇷🇼 Suudaan Kibbaa 🇸🇸 Iswaatinii 🇸🇿 Zaambiyaa 🇿🇲 Zimbaabuwee 🇿🇼 fa’i.Irra caalaan isaanii sababa qoqqoodinsa daangaa wayita biyyootni Awurooppaa Afrikaa koloneeffataniin ulaa galaanaa dhaban. Muraasni isaanii akka Itoophiyaa fi Sudaan kibbaa ammoo biyyotni qarqara galaanaa fudhatanii walaboomuun shira dalagameen dhaban.Biyyootni Afrikaa irra caalaan falmii daangaa abbummaa akka Itoophiyaan kaasaa jirtuu hin qaban. Biyyootni akka Ruwaandaa, Yugaandaa, fi Burundii waligaltee daldalaa fi misooma waloo waliin fayyadamuu ulaa galaanaa biyyoota akka Keeniyaa fi Taanzaaniyaa waliin kiraa dabalatee bifa adda aaddatiin fayyadamaa jiru.Garuu akka Itoophiyaa dhimma abbummaa irratti waldhibdee hin qaban. Zaambiyaa fi Zimbaabuweenis waliigaltee biyyota Misooma Afrikaa Kibbaa jalatti taasifataniin karaa ulaa galaan Moozaambiik fayyadamuu danda’aniru.Biyyi teenya Itoophiyaanis karaa Jibuutii fayyadamaa jirti ,garuu gaaffin ishee abbummaan qabaachuu malee kiraan fayyadamuu miti. Biyyoota ulaa galaanaa hin qabne hedduuf baasii kiraa ulaa galaanaa biyyoota ollaatti bahu gaaffii guddaa fi falmisiisaa ta’aa jira. Akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii tilmaametti, baasii geejjibaa biyyoota guddachaa jiran ulaa galaanaa hin qabnee giddu galeessaan kan biyyoota qarqara galaanaarra jiranii dachaa lama ta’a.Gamtaa Afrikaa fi UN biyyootni falmii fi waraana utuu walitti hin kaasiin ulaa galaanaa fi danqaawwan geejjibaa salphisuuf waliin akka hojjatan jajjabeessu. Duulli dippilomaasii Itoophiyaan eegaltes miiraa kana kan calaqqisiisudha. Biyyootni qarqara galaanaa jiran mirga fayyadama qabeenya uumamaa hundaaf walqixa ta’e fayyadamuu gufachiisu akka hin qabnelle himameera
#Tokkummaa seena qabeessaa fi deeggarsa idil-addunyaa waliin gahiinsa galaana diimaa Itiyoophiyaaf! 🇪🇹Fedhiin poortii Itoophiyaa argachuu maqaa nageenyaa fi badhaadhinaatiin addunyaarratti deeggaramaa ture!Itiyoophiyaan galaana diimaatti deebi’uun ishee giddugala nageenyaa, tasgabbii fi diinagdee naannichaa ta’uu ishee guddattoonni idil-addunyaa ragaa bahaa jiru. Gaaffiin balbala galaana biyya keenyaa bu’aa hunda galeessa mirkaneessuudha.Utubaawwan gargaarsa addunyaa:🇷🇺 Russia, 🇨🇳🇳 China, 🇹🇷 Turkey fi 🇯🇵 Jaappan: Biyyoonni addunyaa humna qaban kunneen carraaqqii Itiyoophiyaan gara galaana diimaatti deebi’uuf taasisaa jirtu karaa diplomaasii fi diinagdeetiin deeggaraniiru.Ugaandaa (Ugaandaa): Balbala galaana Itoophiyaaf ilaalcha gaarii agarsiisuudhaan filannoowwan walitti hidhamiinsa daldalaa cimsan barbaaduuf deeggarsa ishee ni taasifti.🇸🇸 Sagalee jabaa biyya ollaa: Ergaa pireezidant Saalvaa Kiir!”Kaleessa gaafa nuti rakkannu kan nu waliin ture ollaa keenya Itoophiyaa kan har’as eenyuun dura asan jira jedhudha. “”Itoophiyaan balbala galaanaa qabaachuun ishee sirrii miti. “Itoophiyaan galaana diimaatti akka deebiftuuf waan dandeenyu hundaan ni deeggarra.”— Saalvaa Kiir (Pireezidaantii Sudaan Kibbaa)Waamicha hunda: Ergaan cimaa Salva Keer akka ibsutti, gaaffiin yaadaaf ta’u hunda keenyaati. Fedhiin poortii Itoophiyaa argachuu ajandaa dhalootaa kan nageenya fi bu’aa waliin mirkanaa’eedha.👉 Waamicha hordoffii addaa (Recommended Follow) 📢Xiinxala olaantummaa Itoophiyaa, hariiroo idil-addunyaa fi dhimmoota balbala galaanaa yeroo irratti hundaa’e.Fuula Yirgalem X-ray Yirgalem x-ray ) amma hordofaa!#አሰብ📌 #ኢትዮጵያ #ቀይባህር #ብልጽግና #ሳልቫኪር #ዓለምአቀፍድጋፍ
MARBURG VIRUS—Ittisaa fi Tooftaa Inni Daddarbuun: **********************************Dhukkubni vaayirasii kanaan dhufu yoo nama qabe carraan lubbuu namaa galaafachuu isaa ol’aanaadha. Hanga %88 gahuu danda’a. Wanti gaariin dhukkuba kanaa ammoo nama mallattoo dhukkubichaa muldhisuu jalqabe irraa malee nama mallattoo hin muldhisne irraa namatti hin darbu. Baattuun vaayirasii kanaa sinbira halkanii fuduraalee fi abaaboo soorattuudha. Sinbirroon halkanii akkasii sun ammoo holqa keessa jiraatu. Gaafa namni holqa uumamaas ta’ee holqa namtolchee namoonni albuuda fa’a baasuuf qotan seenanii tasa fincaan, bobbaa, ykn hancufa sinbira halkaanii kanaaf saaxilaman vaayirasichi gara namaa dhufa. San booda nama irraa namatti daddarba. Karaan inni daddarbuun illee tuttuqii qaamaa fi dhangala’oo qaamaatiin. Dhiiga, hancufa, fincaan, furrii, imimmaan, dafqa, isparmii, haqqee fi dhangala’oo kan biroo kan qaama dhukkubsataatii bahuuf saaxilamuun daddarba. Uffata walii uffachuun, siree tokko irra ciisuunis ni daddarba. Waldhungachuu fi saalqunnamtiin ni daddarba. Qilleensaan ykn hafuuraan fagoo irraa hin daddarbu. Walitti dhiheenya qaamaa dhihoo irraa yoo dhangala’aan yeroo haxxifatamu biifamuun daddarbuu danda’a. Karaan inni ijoon biraa ammoo dhaabbilee fayyaa keessatti dhukkubsataa irraa gara ogeessa woldhanutti—ofeeggannoon cimaan yoo hin godhamnee daddarba. Yeroo sirna awwalchaa nama dhukkuba kanaan du’eef godhamu—yoo janaayiza (reeffa) wajji tuttuqii qabaatan—daddarbuu danda’a. Namoonni dhukkubicha kan daddabarsan yeroo mallattoo muldhisuu jalqabaniidha. Kanaaf, namoota mallattoolee dhukkubichaa qaban irraa qaamaan fagachuu fi tuttuqqii dhangala’oo qaamaa ofeeggannoon hirdhate irraa of qusachuun barbaachisa.
1 2 3 4 5 17