“Afaan Oromoo afaan miliyoonotaa baruufi guddinasaa keessatti qooda fudhachuu kootti gammadeera”- Doktar Seekhaarii Kaamanuurii, hayyuu moosaajii Afaan Oromoo misoomsan***************Gaazexaa BariisaaFinfinnee: Afaan Oromoo afaan miliyoonotaa baruufi afaan teknoloojii taasisuu keessatti qooda fudhachuusaaniitti daran gammaduu qorataan afaanii lammii Indii Doktar Zaakir ibsan.Doktar Seekhaarii Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, jaalala Itoophiyaafi Itoophiyaanotaaf qabanirraa kan ka’e maatiifi biyyasaanii dhiisanii erga qorannoo afaanii eegalanii waggoota 17 lakkoofsisaniiru.Afaan Oromoofi Amaariffa dabalatee afaanota 22 dubbachuu qofa osoo hintaane moosaajii qopheessuun afaan teknoloojii taasisuu keessatti gahee adda durummaa gumaachaniiru.Doktar Seekhaarii afaanota Itoophiyaa hunda afaan teknoloojii taasisuun akka hunduu afaan walii salphaatti hubatee kaffaltii tokko malee bilisa halkanii guyyaa hojjetaa jiru. Konkolaataa mataasaanii dhabanis akkuma lammiilee Itoophiyaa biroo geejiba ummataa fayyadamuun aadaafi afaanota Itoophiyaa guddisuuf cichoominaan hojjetaa jiru.Namni Oromiyaa keessa waggoota 40 oliif jiraatee Afaan Oromoo hinbeekne akkasumas naannolee biroo keessa waggoota dheeraaf jiraatee afaan naannoo sanaa hinbeekne baay’eedha akkamti yeroo gabaabaa keessatti Afaan Oromoo baruu dandeessan gaaffii jedhuuf hayyichi wayita deebii kennan, “Afaan barachuun fedhii guddaa qabaachuu barbaada” jedhan. Biyyisaanii, Inditti afaanota hedduu akka qabduufi namootni baay’een afaanota walii akka beekan ibsaniiru.Itoophiyaatti iafaan walii baruurratti qaawwi akka jiru taajjabuu ibsanii; isaanis gaafa gara Itoophiyaa dhufan osoo gara Jimmaatti imalanii bu’anii fincaan fincaa’uu akka fedhan konkolaachisaan gaafachuuf konkolaachisaan Ingiliffa isaan ammoo afaanota Itoophiyaa walaaluun osoo fincaan hinfincaa’in dhiphinaan Jimma ga’e. Rakkoo kana bu’uura godhachuun afaan tokko gara afaanota garagaraatti hiikuurratti fuuleffadhe jechuun mudannoosaanii wa
Home  ⇒  Uncategorized   ⇒   “Afaan Oromoo afaan miliyoonotaa baruufi guddinasaa keessatti qooda fudhachuu kootti gammadeera”- Doktar Seekhaarii Kaamanuurii, hayyuu moosaajii Afaan Oromoo misoomsan***************Gaazexaa BariisaaFinfinnee: Afaan Oromoo afaan miliyoonotaa baruufi afaan teknoloojii taasisuu keessatti qooda fudhachuusaaniitti daran gammaduu qorataan afaanii lammii Indii Doktar Zaakir ibsan.Doktar Seekhaarii Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, jaalala Itoophiyaafi Itoophiyaanotaaf qabanirraa kan ka’e maatiifi biyyasaanii dhiisanii erga qorannoo afaanii eegalanii waggoota 17 lakkoofsisaniiru.Afaan Oromoofi Amaariffa dabalatee afaanota 22 dubbachuu qofa osoo hintaane moosaajii qopheessuun afaan teknoloojii taasisuu keessatti gahee adda durummaa gumaachaniiru.Doktar Seekhaarii afaanota Itoophiyaa hunda afaan teknoloojii taasisuun akka hunduu afaan walii salphaatti hubatee kaffaltii tokko malee bilisa halkanii guyyaa hojjetaa jiru. Konkolaataa mataasaanii dhabanis akkuma lammiilee Itoophiyaa biroo geejiba ummataa fayyadamuun aadaafi afaanota Itoophiyaa guddisuuf cichoominaan hojjetaa jiru.Namni Oromiyaa keessa waggoota 40 oliif jiraatee Afaan Oromoo hinbeekne akkasumas naannolee biroo keessa waggoota dheeraaf jiraatee afaan naannoo sanaa hinbeekne baay’eedha akkamti yeroo gabaabaa keessatti Afaan Oromoo baruu dandeessan gaaffii jedhuuf hayyichi wayita deebii kennan, “Afaan barachuun fedhii guddaa qabaachuu barbaada” jedhan. Biyyisaanii, Inditti afaanota hedduu akka qabduufi namootni baay’een afaanota walii akka beekan ibsaniiru.Itoophiyaatti iafaan walii baruurratti qaawwi akka jiru taajjabuu ibsanii; isaanis gaafa gara Itoophiyaa dhufan osoo gara Jimmaatti imalanii bu’anii fincaan fincaa’uu akka fedhan konkolaachisaan gaafachuuf konkolaachisaan Ingiliffa isaan ammoo afaanota Itoophiyaa walaaluun osoo fincaan hinfincaa’in dhiphinaan Jimma ga’e. Rakkoo kana bu’uura godhachuun afaan tokko gara afaanota garagaraatti hiikuurratti fuuleffadhe jechuun mudannoosaanii wa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *