Yaada obbolummaafi lammummaati.EeeeAbbotni keenna wareegama guddaa kaffalanii biyya ufii tikfatanii jila isaanii booda jirutti nagaan dabarsanii biyya lafaa irraa godaanan,kaleessa bakka teknolojiin hinjirretti, bakka wal argaafi wal dhageettiin cinqii tahetti lafoo miilaan deemanii walitti dhufaa iccitiidhaan daangaa ufii kabajsiisaa turan. EeeeYeroo ammaa immoo,amaanaa abboota keennaa, ifaajee akaakayyootaafi abaabayyoota keennaa, dachee Rabbi irratti nu uumee haqa nuuf godhe, wal-dhageettiifi wal danda’uu dadhabuu keenna irraa kan ka’e,hunduu cicciree qoodamuuf akka waraabessaa afaan banee nu eeggachaa jira,nuti jaalannee jibbinees ormi mootummaan kuni Mootummaa Oromoo tahuun beeka,walii gallee dhiisnees dhugaan jirtus sanuma. ilaAkka nama tokkootti ani hedduun siyaasarraa fagoo jira, eenyuu ni hubatas jedheen amanna,ija hawaasaatiifi ija mootummaa jalaa namni bahus tokkolleen hiniru,kan sanaa olii immoo kan nu uumee,nu tiksee, har’aan nu gahe hundaa ni arga.KanaafMootummaan namaoota yaada gaarii qulqulluu fi bilchina qaban yaamee,namaoota fedhii dhuunfaa hin qabne mariisisuu irratti osoo xiyyeeffatee irra gaarii taha,gabaasaa caasaa isaa qofa dhagahuu osoo hin taane,hawaasa dhimma dhuunfaa hin qabne waliiti qabee Osoo dhimma daangaa isaa mariisisee gaariidha,daangaa ufiis hawaasa ufiitiin Osoo kabajsiisee irra furmaata taha jedheen yaada hawaasni malaafi mana achii qabu,haala ollaa ufii tiifi amala naannoo ufii keessaafi alaan sirratti beeka,mootummaan waan daangaa lafa keennaa irratti deemaa jiruufi yaada hawaasaa dhagahuu irratti osoo xiyyeeffatee hedduu gaariifi furmaata waaraa taha. EeeNamootni garaagarummaa siyaasaa qabanis Osoo dhimma waloo irratti walii galtee godhuuf yaalanii dhimma irratti walii hin-galle immoo bulfatanii yeroodhaan furmaata itti barbaadaa deemanii toltuu taha,rifeensa jiruu irratti sabbata Marian jedha Oromoon. EeeeBiyya namni miliyoona dhibba tokkoofi soddomni siyaasaarraa dubbatu keessatti akka sabaatti yoo wal qoqqodne,carraan biyya takka wajji ijaaruu dhiisii akka sabaatti dhaabbannee deemutu tasa wal jaamsuun ala fala hin qabu,roorrisni kamuu kan itti xiyyeefatamu lafeefi lafaa teenna waan taheef al-tokko sirritti wanti hundi osoo tasgabiin laalamee malee fuuldurri keenna gaariidha taha jechuun hedduu dhibaadha.EeeeMootummaan abboota Amantaa dhugaa,kan ajaja Rabbii hordofan,jaarsa biyyaa haqaafi dhugaa dubbatu,hayyuufi beekaa fedhii dhuunfaa hin qabne,daladalaa siyaasaa irraa bilisaa,hawaasa gaariifi fayyaalessa laalee osoo adda baasee marii gaarii wajji taasisee,akkasuma immoo sheekaafi qeesii, jaarsa siyaasaatiifi hayyuu fedhii dhuunfaa qabu immoo yeroo biraatiif ol kaahatee iccitii hawwasni ukkaamsee qabatee taa’uun dubbisee irraa baree gaariidha taha.EeeeeYaadni kamuu bilisaan osoo tamsa’ee walshakkiifi maqaa walitti moggaasuun hir’atee biyya waloon guddisuun salphaa taha,ormi girrisa taaneefi faarsee Bulaa taanees walumaan nu beeka,nutis tokkuma,garaagarummaan yaadaa adda fooniifi dhiiga keenna adda nunbaasu,uleefi trukuttaan keenna waluma faana nu eeggata,ilmaan abbaa tokkoo tahuun keennas yoomiyyuu dagatamuu hin qabu.ObbolaaSiyaasni kamuu barabaraan ni dhufas ni kufas, diinni dhaabbataan siyaasa keessa hinjiru,wal- loluufi araaramuunis jira,kaleessas tahe hara’as tahaa jira boru ni taha,waan walii hanbifachaa deemutu gamnummaadha.Kanaaf halkaniifi guyyaa irra deddeebinee wal-abaaruu irra,irra deddeebinee walgorfataa Osoo deemnee gaariidha taha,kan ala jirus kan biyya keessa jiruu yaadaa, kan biyya keessas kan ala jiruu dubbisaa rakkoo caalaa furmaata irratti Osoo xiyyeeffatee gaarii taha.EeeeeErgamni biyya lafaa Rabbii keenna gabbaruudha ture,erga biyya lafaa irra jiraanne immoo qooda lafarraa qabnurratti qixa sirrii tahee wal bulchinee dabaree walii laachuus barachuu qabna.MaraafuuObboleewwan Rabbi dhiigaafi lafeefi tokko nu godhe garaaf walii haa laafnu,lafaafi lafeefi teenna waliin haa tikfannu,garaaf waliif haa baldhannu, isa daangaa lafaafi nama keennaa saamnu irraa uf haa baraarru,Baalee duubaan ol dhumtee,dirreen abbaas biraa godhattee,booranni ol kottaahee, wallaggi jalaa saamamtee dacheen teenna harka alagaa galtee bilisummaan lafa malee namaa gal a geettu akka hinjirre hubataa walk hubachiisaa deemutu fala taha.Barruu kan dubbistanii warri garee ufii yaaddan tokkootti nama maxxansitanis yoo jiraate ani gama kiyyaan dhiifamaafi Afwii isinii jedhuuf dirqama.
Home  ⇒  Uncategorized   ⇒   Yaada obbolummaafi lammummaati.EeeeAbbotni keenna wareegama guddaa kaffalanii biyya ufii tikfatanii jila isaanii booda jirutti nagaan dabarsanii biyya lafaa irraa godaanan,kaleessa bakka teknolojiin hinjirretti, bakka wal argaafi wal dhageettiin cinqii tahetti lafoo miilaan deemanii walitti dhufaa iccitiidhaan daangaa ufii kabajsiisaa turan. EeeeYeroo ammaa immoo,amaanaa abboota keennaa, ifaajee akaakayyootaafi abaabayyoota keennaa, dachee Rabbi irratti nu uumee haqa nuuf godhe, wal-dhageettiifi wal danda’uu dadhabuu keenna irraa kan ka’e,hunduu cicciree qoodamuuf akka waraabessaa afaan banee nu eeggachaa jira,nuti jaalannee jibbinees ormi mootummaan kuni Mootummaa Oromoo tahuun beeka,walii gallee dhiisnees dhugaan jirtus sanuma. ilaAkka nama tokkootti ani hedduun siyaasarraa fagoo jira, eenyuu ni hubatas jedheen amanna,ija hawaasaatiifi ija mootummaa jalaa namni bahus tokkolleen hiniru,kan sanaa olii immoo kan nu uumee,nu tiksee, har’aan nu gahe hundaa ni arga.KanaafMootummaan namaoota yaada gaarii qulqulluu fi bilchina qaban yaamee,namaoota fedhii dhuunfaa hin qabne mariisisuu irratti osoo xiyyeeffatee irra gaarii taha,gabaasaa caasaa isaa qofa dhagahuu osoo hin taane,hawaasa dhimma dhuunfaa hin qabne waliiti qabee Osoo dhimma daangaa isaa mariisisee gaariidha,daangaa ufiis hawaasa ufiitiin Osoo kabajsiisee irra furmaata taha jedheen yaada hawaasni malaafi mana achii qabu,haala ollaa ufii tiifi amala naannoo ufii keessaafi alaan sirratti beeka,mootummaan waan daangaa lafa keennaa irratti deemaa jiruufi yaada hawaasaa dhagahuu irratti osoo xiyyeeffatee hedduu gaariifi furmaata waaraa taha. EeeNamootni garaagarummaa siyaasaa qabanis Osoo dhimma waloo irratti walii galtee godhuuf yaalanii dhimma irratti walii hin-galle immoo bulfatanii yeroodhaan furmaata itti barbaadaa deemanii toltuu taha,rifeensa jiruu irratti sabbata Marian jedha Oromoon. EeeeBiyya namni miliyoona dhibba tokkoofi soddomni siyaasaarraa dubbatu keessatti akka sabaatti yoo wal qoqqodne,carraan biyya takka wajji ijaaruu dhiisii akka sabaatti dhaabbannee deemutu tasa wal jaamsuun ala fala hin qabu,roorrisni kamuu kan itti xiyyeefatamu lafeefi lafaa teenna waan taheef al-tokko sirritti wanti hundi osoo tasgabiin laalamee malee fuuldurri keenna gaariidha taha jechuun hedduu dhibaadha.EeeeMootummaan abboota Amantaa dhugaa,kan ajaja Rabbii hordofan,jaarsa biyyaa haqaafi dhugaa dubbatu,hayyuufi beekaa fedhii dhuunfaa hin qabne,daladalaa siyaasaa irraa bilisaa,hawaasa gaariifi fayyaalessa laalee osoo adda baasee marii gaarii wajji taasisee,akkasuma immoo sheekaafi qeesii, jaarsa siyaasaatiifi hayyuu fedhii dhuunfaa qabu immoo yeroo biraatiif ol kaahatee iccitii hawwasni ukkaamsee qabatee taa’uun dubbisee irraa baree gaariidha taha.EeeeeYaadni kamuu bilisaan osoo tamsa’ee walshakkiifi maqaa walitti moggaasuun hir’atee biyya waloon guddisuun salphaa taha,ormi girrisa taaneefi faarsee Bulaa taanees walumaan nu beeka,nutis tokkuma,garaagarummaan yaadaa adda fooniifi dhiiga keenna adda nunbaasu,uleefi trukuttaan keenna waluma faana nu eeggata,ilmaan abbaa tokkoo tahuun keennas yoomiyyuu dagatamuu hin qabu.ObbolaaSiyaasni kamuu barabaraan ni dhufas ni kufas, diinni dhaabbataan siyaasa keessa hinjiru,wal- loluufi araaramuunis jira,kaleessas tahe hara’as tahaa jira boru ni taha,waan walii hanbifachaa deemutu gamnummaadha.Kanaaf halkaniifi guyyaa irra deddeebinee wal-abaaruu irra,irra deddeebinee walgorfataa Osoo deemnee gaariidha taha,kan ala jirus kan biyya keessa jiruu yaadaa, kan biyya keessas kan ala jiruu dubbisaa rakkoo caalaa furmaata irratti Osoo xiyyeeffatee gaarii taha.EeeeeErgamni biyya lafaa Rabbii keenna gabbaruudha ture,erga biyya lafaa irra jiraanne immoo qooda lafarraa qabnurratti qixa sirrii tahee wal bulchinee dabaree walii laachuus barachuu qabna.MaraafuuObboleewwan Rabbi dhiigaafi lafeefi tokko nu godhe garaaf walii haa laafnu,lafaafi lafeefi teenna waliin haa tikfannu,garaaf waliif haa baldhannu, isa daangaa lafaafi nama keennaa saamnu irraa uf haa baraarru,Baalee duubaan ol dhumtee,dirreen abbaas biraa godhattee,booranni ol kottaahee, wallaggi jalaa saamamtee dacheen teenna harka alagaa galtee bilisummaan lafa malee namaa gal a geettu akka hinjirre hubataa walk hubachiisaa deemutu fala taha.Barruu kan dubbistanii warri garee ufii yaaddan tokkootti nama maxxansitanis yoo jiraate ani gama kiyyaan dhiifamaafi Afwii isinii jedhuuf dirqama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *