November 5, 2025
Home  ⇒  05 - https://muhesofmar.com/cpanel
FAAYIDAA DAMMAA, QURUNFUL FI QARFAA(Mix Honey, Cloves And Cinnamon)Wantoonni salphaan sadan kun yeroo walitti makaman humna soorataa fi faayidaa qaamni keessan battalumatti isaan fayyadamuuun jijjiiruun ni danda’ama. Bullaa’insa nyaataa guddisuu irraa kaasee hanga dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuutti.. Akkuma beekkamuutii “Dammi’ Qurunfulii fi Qarfaan qoricha aadaa durii hunda keessatti amala waa fayyisuu isaanii ajaa’ibaa ta’een beekkamuudha..1.Bullaa’insa nyaataa ni jabeessa”Qurunful kompaawundoota oomisha inzaayimii bullaa’insa nyaataa kakaasan kan of keessaa qabu yoo ta’u, qarfaan ammoo nokokuu garaachaa hir’isuu fi sochii garaachaa fooyyessuuf gargaara. Waliin ta’uun sirna bullaa’insa nyaataa kee haalaan fooyyessa.2.Ittisa qaamaa ni guddisa”Cloves fi cinnamon lamaan isaanii iyyuu antioxidants kan qaban yoo ta’u, amaloota farra maayikiroobiyaanii kan qaban yoo ta’u, kunis infekshinii ofirraa ittisuu fi sirna ittisa qaamaa keessan cimsuuf gargaaruu danda’a.3.Gargaarsa Ulfaatina qaamaa to’achuu”Cinnamon sadarkaa sukkaara dhiigaa to’achuuf gargaara, beela tasa hir’isa, cloves ammoo meetaaboliizimii guddisa, dhugaatii kun hojii ulfaatina qaamaa to’achuu irratti dandeettii gaarii taasisa.4.Inflammation hir’isaKompaawundoota farra inflammatory kan guutame, walnyaatinsi kun mallattoolee arthritis, dhukkubbii maashaalee fi inflammation waliigalaa qaama keessatti mul’atu salphisuuf gargaaruu danda’a.5.Fayyaa Afaanii Fooyyessa”Cloves farra baakteeriyaa qabaachuun kan beekamu yoo ta’u, kunis afuura badaa ofirraa ittisuu fi carraa dhukkubbii ilkaaniitiin qabamuu hir’isuuf gargaaruu danda’a. Walnyaatinsa kana ganama dhuguun fayyaa afaan keessaniif jajjabina uumamaa kenna.6.Fayyaa Onnee Deeggarsa”Qarfaan dandeettii kolestroolii hamaa hir’isuu fi dhiibbaa dhiigaa to’achuu isaatiin kan beekamu yoo ta’u, qurunful ammoo marsaa dhiigaa fooyyessa. Waliin ta’uun onnee fayyaa qabu deeggaruuf hojjetu.7. Dandeettii Humnaa Guddisuu Kenna”Kompaawundootni urgooftuu qurunful fi Qarfaan keessa jiran uumamaan miira keessan jabeessuun anniisaa dabaluu danda’u.8.Sadarkaa Sukkaara Dhiigaa Ni To’ata”Dandeettiin miira insuliinii to’achuu danda’u, dandeettiin qurunful qabu sadarkaa guluukoosii madaaluu danda’u waliin walqabatee dhugaatii kana warra sukkaara dhiiga isaanii hordofaniif mijataa taasisa.9.Fayyaa Gogaa Fooyyessa”Antioxidants cloves fi cinnamon keessatti argaman free radicals ittisuuf gargaaru, fincaan hir’isuu fi ifa dargaggummaa guddisuu.Mallattoo Qorqorroo fi Qufaa ni salphisaWantoonni lamaan dhukkubbii qoonqoo (tonsilliti) tasgabbeessuu, dhiphina hir’isuu, akkasumas qorra fi qufaa waqtii (utaalloo)irraa bilisa ta’uu irratti bu’a qabeessa. Itti Fayyadama Dhugaatii Kana Ganama ganama Mi’a dheedhii: Mala 1Firii 4–5 guutuu qurunful Ulee qarfaa 1 (ykn daakamaa isaa faldhaana cinaa) .Bishaan burcuqqooo 1 Damma ykn dhangala’aa loomii faldhaana 1 Walitti makuun dhuguu..Mala 2Bishaan burcuqqooo 1.5 danfisaa.Bishaan bullaa’aa sanatti daakuu qurunful fi fi Qarfaa stick (ykn powder) itti dabaluun.Ho’a hir’isuun ( ibiddaa hedduu guddaa hin taane) makaan san daqiiqaa 5-7f akka danfu taasisaa.Dhangala’aa sana gara burcuqqoo calaluu.Yoo barbaaddan damma ykn dhangala’aa loomii itti dabaluudhaan, itti gammadaa, jalqaba ganama garaa duwwaa.Bu’aa gaarii argachuuf, makaa kana guyyoota muraasaaf wal irraa hin cinne dhuguudhaan faayidaa isaa argita inshaallah..Galatoomaa!!Qoricha Aadaa (Uumamaa Furtuu mana Qoricha Aadaa (Uumamaa)Al-hikmaa mana Qoricha Aadaa furtuu Plants and gardening Shukraan Hawaasa keenya #shareTajaajila dabalataaf –Lakk bil 093 072 4972 Whatsapp,Telegraman fi Imon .Iddoon Nuti itti argamnu Magaalaa Adaamaa
🫀 DADHABUU ONNEE (HEART FAILURE)
1️⃣ Onneen fi Hojii Ishee Onneen qaama dhiiga gara qaamotaatti…
Umrii kiyya keessatti akkas rifadhee hin beeku’ – F/M Birhaanuu Juulaa,Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Juulaa TPLF akeekkachiisaniAjajaan olaanaa waraana Itoophiyaa gartuun TPLF qoccollaa taasisee ture waraana eegaluuf gahaa ture, garuu nagaaf dursa kennine jedhan.Haa ta’u malee, hunduu daangaa qaba jechuun ”Qofaa keenya waraana hambisuu hin dandeenyu,” jechuun akeekkachiisani.Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa yaadannoo haleellaa Ajajaa Kaabaa waraana Itoophiyaa waggaa shanaffaa sababeeffachuun ergaa dhaamaniin kana jedhan.Haasaa daqiiqaa 40’f taasisan keessatti waa’ee TPLF, Faannoo, akkasumas haalaafi akeeka raayyaan ittisaa itti jiru dubbataniiru.Dubbiin Fiilm Maarshaal kuni yeroo Kaaba Itoophiyaatti muddamni hammaatetti dhagahame.Mootummaan Itoophiyaafi TPLF tokko isa kaaniin waraanaaf qophaa’aa jiru jechuun wal himatuu itti fufaniiru.Humnoonni Tigraay hooggansa TPLF’f amanamoo ta’an ALI Onkololeessa 24, 2013 halkan ture Ajajaa Kaabaa Raayyaa Ittisa Itoophiyaa dhiheenya Maqalee jiruurratti haleellaa kan raawwatan.Haleellaa kuni waraana akka Afrikaatti dhiigi guddaa itti dhangala’eef akka sababaattki ka’a.Sagantaa yaadannoo warra ”aarsaa” ta’an kanarratti yoo dubbatan, raayyaan ”ofii du’aati biyya itti fufsiise” jechuun himani.Aarsaan duruu jira haleellaa Ajaja Kaabaa garuu kan adda godhu ”Seenaa Itoophiyaa keessatti, tarii seenaa addunyaa yeroo jalqabaaf waan ta’eefidha,” jedhan.Badiifi gara jabina waraanarratti raawwatan jedhan kana ”yoomuu hin dagannu. Yeroo hunda kan yaadannummoo akka irra hin deebineefi” jechuunis himan.Buufati waraana Itoophiyaa kuni, Ajajaa Kaabaa, meeshaa waraanaa hidhateenis ta’e jabinaan ajajoota yookiin izziiwwan biyyattiin qabdu keessaa isa guddaadha.Haleellaa humnoonni Tigraay itti himataman sana hordofee mootummaan duula ”seera kabachiisuu” eegaluu MM Abiy Ahimad foddaa TV’tti bahanii dubbatan.Oppireeshiniin waraanaa kunis turban lama keessatti akka raawwatamuufi kanneen badii raawwatan seeratti akka dhihaatan ibsamee ture.Ta’us, waraanichi boodarra gara Affaariifi Amaaraatti babal’atee miidhaa guddaa geessise.’Rafnee hin beeknu’Fiild Maarshaal Birhaanuun waa’ee haleellaa kanaa yoo ibsan guddoo rifatuu himan.”Waraanni keenya hanga Maqalee seenutti rafnee hin beeknu. Hirribi [ijatti] nu hin gorre.”Ana dhuunfaa kiyyaan umrii kiyya keessatti guyyaan guddaa itti rifatte, guyyaan baay’ee itti gaddite yoom yoo nuun jedhan Onkololeessa 24 dha.”Onkololeessa 24 caalaa guyyaan itti rifadhe, guyyaan itti gadde, guyyaan itti boquu gad qabe hin jiru.”[Osoo] ormi si gane [homaa miti], ni mudata jetta. Lammiin si ganee yeroo garaa sitti jabaatu garuu onnee nama cabsa,” jedhanii dubbatan.Ajajaan Kaabaa waraana Itoophiyaa ergami isaa Kaaba biyyattii weerara Ertiraa jala eeguudha. Gama daandaa Sudaaniis daangaa tiksa.Waraanni kuni misooma naannichaa keessumaa manneen barnootaa ijaaruufi kaan hedduu keessa qooda qaba jechuun aangawoonni Itoophiyaa ibsu.Isarra kan darbe ”Gootota Tigraayiif siidaa dhaabuu,” illee dubbatani. ”Siidaa Hayyaloom Shiree jiru nutu ijaare,” jedhan Fiild Maarshaal.Akka yeroos ibsametti taanaan, kanneen kana keessatti qooda qaban ajajootuma waraanaa keessa kanneen jiranidha.Ajajaan waraana Itoophiyaa kuni, kanneen qooda fudhatan keessa kan ”nu ajajan, hoogganan, ijaaraa turan ” jedhan.”Mootummaan haaraadha, dadhabaadha, hidhannoo nu hanqate Ajajaa Kaabaa rrukunnee yoo guuttanne eenyuyyuu nu hin dhaabsisu jedhanii kan waraana eegalan isaanidha.”Nuti erga isaan eegalan booda fiffiigne,” jechuunis himani.Waraana Kaabaa irratti lubbuun lammiilee danuu dhumuu dhaabbileen mirgaa ni ibsuWaraanni lubbuu danuu galaafate kuni gaafa mudate hawaasi idil addunyaa mariin akka furamu watwaannaa guddaa taasisaniiru. ß”Warri adii isinitti haa hafu isaan hin dandeessani,” nuun jedhanii turan.Qondaalli TPLF maqaa qabsoo Seekuu Turee jedhamuun beekaman yeroo waraanaa miidiyaatti yeroo dubbatan ”haleellaa hin eegamne” Ajaja Kaabaarratti raawwachuu himan.Kunis, yaaddoo jira jedhan dursanii hanqisuuf ture.Fiild Maarshaal Birhaanuun ”Hirriba rafuu kan jalqabne waraannii keenya yeroo Maqalee seenudha,” jechuun qormaata keessa akka turan yeroo duraaf dubbatan.’Gujillee/ Garee TPLF’Fiild Maarshaal Birhaanuun gartuu TPLF ”Gujilee [Afaan Tigriffaan gartuu]” jedhu irra deddeebiin qeeqaniiru.Kan haleellaa raawwate ”gujilee [gartuu]” ta’uufii erga hundaa’e wagga shantama ta’uu ibsani.”Gantuu warri Masrii Shaabiyaa qaxaranii, Shaabiyaa isaaniin mindeessee Itoophiyaa waraanee ulaa galaanaa kan dhabsiiseefi biyya kan fottooqsedha,” jedhan.”Ammallee guyya guyyaatti ni gana. Humna gantummaa Itoophiyaa keessa uumamedha kuni. Humni kun hanga hin buqqaanetti Itoophiyaan nagaa hin argattu.”Waa’ee janaraala TPLF Migba Haayilee dubbatan jedhan eeruunis, ”nuti akka isaanii miti hin gannu,” jechuun himan.Ummanni nagaa akka barbaaduufi kanneen nagaa hin barbaanne gartuu TPLF keessa jiran, sanuu TPLF hunda miti jechuun ibsani.Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa mootummaan Ertiraa mootummaa Itoophiyaa bira dhaabatee TPLF waraaneera.Haa ta’u malee, boodarra hariiroon Finfinneefi Asmaraa yeroo laafaa adeemu, Asmaraan Maqalee waliin michuu tolfachuu eegalte.Mootummaan Itoophiyaa gartuun TPLF Dr Dabratsiyooniin hogganamu Ertiraa waliin hariiroo cimsachuu dubbata. TPLF garuu ni waakkata.”Shaabiyaa jenosaayidii [duguuggaa sanyii] nurratti raawwate jedhe waliin michummaa uuma. Kunis, gantummaadha,” jechuun Fiild Maarshaal qeeqan.’Waraana eegaluuf gahaa ture’Waraanni Kaaba Itoophiyaa lammiilee kuma dhibbaan lakkaa’aman akka galaafate gabaasaaleen adda addaa ni mul’isu.Kan miiliyoonaan lakkaa’aman immoo qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniiru.Waraanni kuni waggaa lama booda Waliigaltee Piritooriyaatti taasifameen xumura argateera.Haa ta’u malee, yeroo adda addaattii mootummaanis ta’e TPLF waliigalteen guututti akka hin raawwanne danqaa ta’ani jechuun himatu.”Osoo waraana barbaanna ta’e Piritooriyaa booda qoccollaan TPLF, diddaan [agarsiise] waraana seenuuf gahaadha, gahaa olidha.”Garuu waraanichaan TPLF ni baqata, ummanni Tigraay ni miidhama. Waraana darbeerrattii kan agarre isadha,” jechuun tarreessani.”Shaabiyaa waliin Tsimboo jedhee daangaa cabsanii deemuun farra heeraati. Yoo ana fudhatanii seenan malee buqqaatota hin gadhiisu jechuun faallaa Piritoriyaati.”Humna leenjisuun faallaa Piritooriyaati. Loltuu meeshaa hiikkate deebisuun faallaa piritooriyaati.”Faannoof qawweefi karoora kennitee Itoophiyaan akka jeeqamtu, Naannoon Amaaraa akka jeeqamu gochuun faallaa Piritooriyaati.”Kana hunda osoo agarruuti deebinee gara waraanaa kan hin seenne. Wanti gochaa jiran miidhaa qaba, yeroo waraanni eegalemmoo kana caalaa miidhaa qaba.”Adeemsa keessa ”namni qalbii bitu baay’atee kan qalbii hin qabne” harca’ee hafa jedhanii akka yaadan himan.Ertiraan yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa mootummaa Itoophiyaa deeggartuus yeroo ammaa garuu bulchiinsa MM Abiy waliin muddama qabdiHaleellaan Ajajaa Kaabaa irratti raawwate ”hojii baandaati, hojii gantummaati,” jechuun kan gartuu tokko malee ummata waliin walqabatu miti jechuun ibsani.Ummanni Tigraay nu gargaaraa ture booda ”yeroo siyaasni badu, dhimmichi bade” jedhan.”Dippilomasiin rakkoo godhate, bulchiinsi yeroo rakkoo godhate, Shaabiyaan seenee dubbii balleesse,” jechuun himatani.Gartuun kuni ummata boossisuuf jedha ”ummanni Tigraay bilisa of baasuu qaba.”Gujilee TPLF, yakkamaan gujilee hiree ummata Tigraay murteessuu hin qabu,” jechuunis himan.”Hammamuu obsinu yoo haleellaan nurratti raawwate akka Ajajaa Kaabaa yoo ta’e ofirraa ittisuun keenuya hin hafu.”Qofaa keenya waraana hambisuu hin dandeenyu,” jechuun garuu ”yoo guutee dhangala’e garuu homaa gochuu hin dandeenyu,” jedhan.”Hin jarjarru, waraana hin eegallu, hin barbaannu. Nagaa, misoomaafi fedhii biyyaalessaa keenyarratti kan dhufe, daangaa kan ce’e garuu loluu qabna.”Kan ijaaramnees, kan hindhannees kanaafi,” jechuun himani.Abbaan seerummaa isaa Boordii Filannoo Biyyaalessaan kan duraa haqame TPLF, ibsa baaseen mootummaan Itoophiyaa ”waraana biraa adeemsisuuf ifatti sochii” gochaa jira jechuun himateera.Hawaasni idil-addunyaa sochii adeemaa jira jedhe kana akka dhaabsisuuf gaafateera
Pireezidaantiin Ertiraa Isaayyaas Afwuwarqii Assaab tiksuutti Asmaraa akka hin dhabne Qondaalli Waraana olaanaan amma Ambaasaaddarri keeniyaa Jeneraal Baacaa Dabalee akeekkachiiseLami Media,(Sad 5/2025) Isaayyaas Afwuwarqii Assaab tiksuutti Asmaraa akka hin dhabne of eeggachuu qaba jechuudhaan Jeneraal Baacaa Dabalee dubbateeti jira.Issayyaas Afuwarqii Sheeyx*na lammilee nagayaa keessaa bahe jechuudhaan kan ibse Jeneraal Baacaa Dabalee. gocha hammeenyaa Itoophiyaarratti raawwate bal’inaan kaaseeti jira.Assaab Assaab kan jennuuf, Assaab Itoophiyaa waan taheef jechuudhaan, Adii Ababaa fi Asmaraan gowwoomsaa fi gowwoomsaadhaan nurraa fudhattan. Yeroo sana namni isinitti dubbate hin jiru; amma garuu Assaab deebisuuf karoorri kaa’amee jira,kan aangoorra jiru qaama dhaloota kanaati, kanas ummanni Itiyoophiyaa guutuun fudhatee jira jechuudhaan Jeneraal Baacaa Dabalee dubbate.Gaaffiin jiru Assab keenya tahuu isaa osoo hin taane akkamitti deebifnaadha? Assaab eega humnaan fudhatame wanti humnaan fudhatame humnumaan deebiya.garuu humnaan duubatti hin deebinu, kanaa mannaa, mootummaa waliin yoo tumsinu wayya jechuudhaan dubbate. dhimma sochii Shabiyaa yeroo ammaa siyaasa keessoo Itiyoophiyaa keessatti raawwachaa jirtus Jeneraal Baacaa Dabalee kaasuudhaan,Shabiyaan humna keessoo hidhachiisuu akka dhaabdu gaafachuun, yoo hin taane ammoo dhimma yerooti; ofirraa ittisna jechuudhaan dubbate.Kana malees Jenaartichi Eertiraan akkamitti akka qabsooynu ni beeku, Assaab keenya yeroo jennu mootummaan Eertiraa mirga abbaa biyyummaa keenya sarbuu beekuun dirqama isaa tahuu dubbate.
Bobba’iinsa Hojii Seera Qabeessaa Cimsuun Godaansa Seeraan Alaa Hambisa==Mootummaan carraa hojii dargaggootaaf biyya keessaafi alatti uumuu qofa osoo hin taane naannoo hojii mijataafi nageenya hojjetaa eegsisuufis kallattii adda addaan biyya keessaafi alatti hojjechaa jira.Lammiileenis bobba’insa hojii biyya alaatiin dandeettiifi humna qabaniin hojjetanii mirgiifi nageenyi isaanii eegamee fayyadamoo ta’aa jiru.Biiroon Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Oromiyaas nageenyaafi mirga hojjetaa kabachiisuufi rakkoowwan gama ejensootaan jiru furuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechuurratti argama.Haaluma kanaan guyyaa har’aa Biirichi Magaalaa Adaamaatti waltajjii hubannoo uumuu qopheessuun ejensoota dhuunfaa biyya keessaafi alaa hojjetaafi hojjechiisaa walitti fidan waliin marii taasisaa jira.Hogganaan Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Araarsoo Biqilaa saganticharratti akka ibsanitti, kaayyoon waltajjii kanaa hubannoo uumuun karaa seeraan alaa bobbii biyya alaatti taasifamu hambisuun bobbii hojii biyya alaa seera qabeessa ta’e cimsuuf kan qophaa’ee dha jedhan. Walhubannoon akka jiraatuufi qajeelfamniifi labsiin bobbii hojjetaa sirnaan akka raawwatamuu hubannoo ejensootaa cimsuufis waltajjii murteessaa ta’uus ibsaniiru. Akka biyyaattis godaansi seeraan alaa Oromiyaa keessatti akka baay’atu kan eeran Obbo Araarsoon kana hambisuufis ejensoonni qajeelfamaafi labsii bobbii biyya alaa akka eeguu qaban yaadachiisaniiru.Labsii bobba’iinsa hojii biyya alaa lakk.923/2008fi bara 2013 fooyya’e lakk.1246 irratti hubannoon ejensootaaf kennamaa jira.Odeeffannoo Dabalata
Guyyaa tokko intalli kophaa ishee jiraattu tokko raftee siree ishee irraa yeroo kaatu bukkee ishee kan jiru; komadiinoo irra kan taa’e poostaa argite😳Sa’aatiima sana poostaa sana banuun jechoota gabaabdu waraqaa xiqqoo irratti kan baroofte argite. poostichi akkas jedha; ” Har’a keessummaa irbaataaf mana kee waanan dhufuuf qophaa’ii na eegi!” jedha. Jala isaatti ergaan… bakka jedhutti ” Waaqayyoo ” jedhamee barreffameera. Intalli in naate. Garuu booda erga tasgabboftee booda qarshii qabdu hunda oliif gadi fiiguun keessummaaf kan ta’u kan nyaatamuu fi dhugamu bituuf manaa baate.Gabaa ooltee affeerraa irbaataaf kan ta’an bittee gara manaatti otuu deebituu karaa irratti mucaa nyaata dhabee beela’e tokko; daabboo qabatte akka isaaf laattuf ishee kadhate. Daabboo kan bitte mana keetti keessummaa dha kan jedhe Waaqayyoof dha. Kanaafuu mucaa kanaaf yoo laatte, galgala Waaqa isheef kan dhiyeesitu dhabuu isheeti. Xiqqoo erga dhowwachuuf jettee booda mucaa beela’e sanaaf daabboo laatteefi.Ammas erga xiqqoo deemtee jaarsii dulloommaa tokko ” mucaa koo nan dheebodhe. Adaraa na bira hin darbiin ” jechaa ishee kadhate. Ammas dhowwachuuf jettee lallaafaa bitte jaarsa dheebote sanaaf laatte.Amma nyaataafi dhugaatii bitte warreen rakkataniif laattee waan harkaa dhumeef qarshii hafeetiin waan xiqqoo bituuf gara suuqiitti yeroo imaltu rakkataan tokko ” Nan beela’e ” jedhee otuu kadhatuu argiti. Ammas garaa jabaachuu dadhabdee qarshii sana laattefi. Dhuma irratti Waaqa ishee maal akka nyaachiftu fi Obaastu yaadaa gara mana isheetti otuu deemtuu jaartiin baay’ee dullomte uffanni ishee ciccitee dibaabee keessa darbee aduu qaama ishee gubu tokko argite.Yeruuma sana Shuurraaba ishee baaftee itti uffiste. Xumura irratti Waaqayyoo mana ishee dhufe. Homaayyuu waan hin qopheesineef in naate. ” Yaa gooftaa dhiifama waan nyaatamu fi waan dhugamu hin qopheesine ” jette. Waaqayyoos; ” ihii na nyaachifteetta, na obaasteettam ” ittin jedha. lntallis; ” yooman si argee si nyaachise? si obaasee? jette. Waaqayyoo; ” guyyaa na nyaachiftee na obaastee daara kan na baaste anaani dha ” ittin jedhe.Baay’een keenyi Waaqaayyoo waan gaarii akka hojjeennu nu ajajuu isaa in amanna. Haata’u malee bukkee keenya kan jiran kan beela’an afaan kaa’aa tokkollee hin laannu. Cophaa xiqqoo isheellee hin obaasnu. uffata nutti dhiphate ykn dulloome mititii carqii bututtuu hin laannu.Eessatiree Waaqa keenya jaalachuun keenya? Beela’een ture, nyaata anaaf kennitaniittu, dheebodheen ture, dheebuu na baaftaniittu; orman ture, akka nama keessaniitti na simataniittu. Qullaa koo ta’een ture,daara na baaftaniittu; dhukkubsadheen ture, na gaafataniittu; hidhameen ture gara koo dhuftaniittu. ☞ Mat. 25:35-36 Waaqayyoo garaa laafina isaa nuuf haa laatu.Namni dubbisu hin badu! Baga dubbiste!Yoo sitti tole share godhii darbiMaxxansi koo biroon akka si qaqqabuuf Pagekoo Digital Qarree FOLLOW godhi
Kolleejjii Poolisii Oromiyaa Wiirtuu leenjii loltummaa Awaash Bishoollaatti Leenjistoonni leenjii Gaggeessummaa marsaa 2ffaa fudhachaa turan xumuruun Eebbifaman.Onkololeessa, 25/2018 kolleejjii Poolisii Oromiyaatti Wiirtuu leenjii loltummaa Awaash Bishoollaa Leenjistoonni leenjii Gaggeessummaa marsaa 2ffaa fudhachaa turan leenjii isaanii xumuruun bakka Daarektarri Ol’aanaa Kolleejjii Poolisii Oromiyaa, Manajimeentii Kolleejjii Poolisii Oromiyaa fi manajimeentii Wiirtuu leenjii loltummaa Awaash Bishoollaa argamanitti Eebbifamani jiru.Sagantaa Eebbaa kana irratti argamuun qajeelfama hojii kan dabarsan Komishinara gargaaraa Gosaayee kabbadaa Daarektara Ol’aanaa Kolleejjii Poolisii Oromiyaa bu’aa bahii leenjiin barbaadu hunda keessa bahuun guyyaa har’aa gahuu keessaniif baga gammaddan jechuun milkaa’ina leenjichaaf qamoolee gahee isaanii bahan galatoonfachuun, qajeelfama eebbifamtootaaf dabarsaniin Leenjiin gahumsa dabaluun dandeettii kolleejjiin keenya humna Poolisii Oromiyaa cimsuuf qabu keessatti shoora olaanaa qaba. Kanaaf akkaataa dipaartimeentii keessaniin akkaataa saayinsii leenjii loltummaa argattaniin gahee keessan bahuu qabdu jedhanii, itti dabaluunis leenjisaan keenya caalaatti akka gahomuu fi dipaartimeentii isaa irratti special akka ta’u leenjii dabalaataa kan kennamu ta’uu himuun, eebbifamtoonni dandeettii isaanii cimsuuf hojjachuu akka qaban dhaamani jiru. Gama biraatiinis gabaasni Leenjii karaa Komaandar Damee Dastaa Daarektara Wiirtuu leenjii loltummaa Awaash Bishoollaatiin dhiyaatee jira. Barumsaa fi leenjii mana leenjii kana irraa argattan manneen leenjii qabnu hunda keessatti gara qabatamaatti jijjiruun bu’aa kolleejjiin Poolisii Oromiyaa isin irraa barbaadu akka baatan abdii kan qaban ta’uu himuun leenjistoota leenjii isaaniin naamusa gaarii qabanii fi leenjii isaanii irratti adda duree ta’anii qabxii Ol’aanaa galmeessaniif badhaasni kennamee jira.Dhuma irrattis hojiilee misoomaa mana leenjii keessatti hojjataman daawwatameera jechuun kominikeeshinii Kolleejjii Poolisii Oromiyaatu gabaase.
Dubartiin kan dhiira waliin walqunnamtii saalaa gootu Dhiiricha barbaaddeeti. Dhiirri garuu kan ishee waliin ciisu Walqunnamtii Saalaa raawwachuufidha. Garaagarummaan jiru tokko jedheet asii eegala jechuudha. Ishee waliin ciisuun dhiiraaf wal tuttuquu qaamaa ta’eet itti dhagahama. Isheef garuu wal tuttuquu qaamaa fi miira jabaatu itti dhagahama. Dubartiin kan dhiira waliin ciiftu jaalalaafi, dhiirri garuu kan ishee waliin ciisu irra caala qaama saalaa isaa tasgabbeessuufidha. Dubartiin osoo dhiira waliin hin ciisin miira fi yaadnishee isatti dhihaatti. Waa’ee isaa yeroo yeroon ni yaaddi. Namni kun osoo Jaalalleekoo, Abbaa warraakoo, Abbaa daa’ima koo ta’ee jetteet sana milkeessuuf waan inni jedhe mara ajejamtiif. Dhiirri garuu waan kana mara naannessee, buusee, baasee hin yaadu. Dubartiin walqunnamtii saalaa dura haalaan yaaddi. Tokkicha Gudeeda ishee dhiiraaf saaqxee jennaan garuu waan kam dhimma isaati jetteet hanga dhumaa isatti tolutti kennitiif. Dhiirri garuu hanga Ispermii dhangalaasutti waan takka hin yaadu, hin yaadatus. Erga dhangalaasee xumuratee garuu gatii postipiilii qabdimoo hin qabdu kan jedhu yaaduu irraa eegala. Hanga jiini dhufee marsaa laguu ishee dhagahutti of hin amanu. Sana booda osuma jedhanii yoo keessi isaa itti amane fi ulaagaan kan karaa isaas ishees mijateef gara gaa’ilaatti deema. Keessattuu dargaggeessi yeroo ammaa kana maallaqa hin qabu garuu Walqunnamtii saalaa uumama waan ta’eef guyyaan ni barbaada. Shamarranimmoo cinqii akkasii kana waan hin feenef gaaffiiwwan akka bakakkaa kanneen akka ‘na fuudhi, yoom cidha godhanna?, daa’ima hammachuun hawwe,… ‘ jedhan gaafa itti roobsitu akka qocaa walitti suntuuree bakkatti deebi’a. Osuma sexy gochaa jiraataniillee sana booda miirri isaa waan ka’uuf miti.#Galatoomaa!!