Biyyi keenya Itiyoophiyaan xiyyaarota waraana sadarkaa addunyaatti teknoloojii hammayyaa kan dhaloota shanaffaatiif oolu su-30 dirree lolaa irratti olaantummaa qabu kan Raashiyaaan oomishame hidhattee jirti.
Xiyyaarri lolaa su-30 paayleetota lamaan kan imalchiifamu yoo ta'u sa'aatii tokkotti kiloomeetira 1400 imala sa'aatii lamatti fageenya hanga kiloomeetira 3000 irratti haleellaa barbaade osoo iji raadaraa Isa hin argine raawwatee iddoo irraa ka'etti nagayaan deebi'uu danda'a.
Abbaan oomisha jeettii kanaa Raashiyaaan hanga ammatti jeettiiwwan su-30 lola Yukireen irratti itti hin fayyadamne.Jeettiin kuni ergama isaa eegdoo tokko malee jeettii raawwatu ta'uu isaa perezidaantiin Raashiyaa Vladimir Putin dhimma hojiitiif gara biyyoota biroo yeroo imalu xiyyaara isaanii faana balali'uun xiyyaara perezidaantichaa tiksa.
Biyya kamittuu osoo raadarri isa hin argin xiyyaarri yeroo qubatu qofa argama.kuni kan ibsu immoo sadarkaa hidhannoo teknoloojii jeettiin su-30 kuni irra jiru muldhisa.
Jeettii kana Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota isa oomishan kan akka Raashiyaa qofatu qaba.Diinni kana argee Itiyoophiyaa ijaan ilaalu hin jiru.